ONM-ABO Bitootessa 30, 2026
Shaggar Sitii kutaa magaalaa Sulultaa, magaalaa Caancoo fi gandoota baadiyyaa aanichaa garaagaraa keessatti Bitootessa 25, 2026 poolisootni murna Bilxiginnaa uummata dararaa fi doorsisaa turan waluma isaanii walitti dhukaasuun akka wal ajjeesan maddeen qabatamoo bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen jedhanitti, yeroo garaagaraatti bakkeewwan kanneen keessatti poolisiin adda durummaan uummata hiraarsu nama maqaan isaa Tashaalee jedhamu akka ta’e himuun, tibbana akkuma amala isaa osoo maanguddoota gara mooraa waraanaatti dirqamsiisaa jiruu cinaachuma isaan ganamuun miliishaan sirnichaa itti dhukaasee poolisii kana ajjeesuu dabaluun ifoomsaniiru.
Gidiraan nuti argine waan akka salphaatti himamee dhumu miti kan jedhe jiraataan bakkicha irraa dubbisne kan biroon hammeenyummaan isaanii daran hamaa ta’uu irraan kan ka’e, gara jabinaan dararu, gudeedu, saamu, ajjeesuun furmaatni isaa dhabamee qaama itti iyyannus dhabuun rakkoo hammaataa keessatti kufnee jirra jedha.
Koloneel Abiy Ahmed ergamtoota isaa summii jibbaa itti biifuun gara jabina jabaan bobbaasetti dhimma ba’uun duguuggaa sanyii sabichatti raawwataa jiraatus, ergamtoonni isaa ammoo waluma isaan wal dhabuun walitti dhukaasanii lubbuu wal galaafachuun itti fufee jiraachuuf goleewwan Oromiyaa mara keessatti guyyaarraa guyyaatti taateen isaan gidduutti raawwatamaa oolu ragaa jabaadha.

