ONM-ABO Bitootessa 30, 2026
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daalle Waabaraa magaalaa Qaaqee ganda 01 fi 02, Saggoo Adaamii, Kaarra Wadeessaa, Kaarra Jeenoo gandoota baadiyyaa hedduu keessatti baatii Guraandhalaa irraa eegalee kaabinoonni fi kaadiroonni faashistii Bilxiginnaa kanneen barcuma aangoo nam-tokkee tiksuuf akkasuma garaa isaanii guuttachuuf uummata Oromoo dararan barattoota sadarkaa gadii jiran kutaa 6 irraa eegaluun filannoo akka filattan jechuun daa’imman gowwomsuu fi kaardii filannoo malee daree barnootaa hin seentan jechuun doorsisaa jiraachuu maddeen keenya gamasii ONM ‘tti himanii jiru.
Akka maddeen Arraata Biyyoleessa Oromiyaaf himanitti, kaabinoonni PP kunneen waraana isaanii waliin ta’uun gandoota baadiyaa hedduu keessa socho’uun daa’imman kutaa 1 irraa eegalee siyaasaa dulloomaa impaayeeratti barsiisuu fi kaardii filannoo akka fudhatan dirqisiisaa jiraachuun akkasuma namni kamuu konkolaachistoota bajaajii dabalatee sochii godhuuf hospitaala deemee yaalamuufillee kaardii filannoo harkaa qabaachuun dirqama ta’uu dubbatu.
Murni abbaa irree koloneel Abiy Ahimed, barcuma aangoo isaa dheereffachuuf jecha waan seeraa fi heera impaayeerattii irratti barreeffamee hin jirre daa’ima waggaa 12 irraa kaasee filannoon akka geggafamu qajeelfama gadi buusuun afaan qawweetiin filannoo sobaaf qophii xumuraa jiraachuun ragaan kan mul’atudha.


