• Sun. Nov 22nd, 2026

Aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti daa’imni ganna 17 tokko hidhattoota Bilxiginnaatiin ajjeefamuun dhaga’ame

Mar 30, 2026

ONM-ABO Bitootessa 30, 2026 

Godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda 01 bakka addaa Qalaatee jedhamu keessatti daa’ima umriin isaa 17 ta’ee fi barataa kutaa 5ffaa kan ta’e tokko kan maqaan isaa Mokee Bojaa Dibaabaa jedhamu halkan keessaa toora sa’aa 04:00tti mana maatii isaatti ol seenuun bakkanni rafaa jirutti rasaasaan mataa isaa rukutuun ajjeesanii deemuu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti daa’imni kun yakka hojjete qabaatee osoo hin taane, hidhattoonni sirnichaa  “Waraana Bilisummaa Oromootu mana kana keessa rafaa ture” sababa jedhuun ulaa mana maatii daa’ima kanaa erga cabsanii ol seenaniin booda, wayita manicha sakatta’anii waan barbaadan dhaban ammoo aariidhaan daa’ima ol adeemaa abdii biyyaa ta’e kana haala nama gaddisiisuun galaafatanii deeman jechuun miira gaddaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Lukkeeleen Bilxiginnaa aanicha keessatti irra deddeebiin gochawwan suukanneessoo uummata nagaa irratti raawwachaa jiraachuu kan himan maddeen, yeroo ammaa sababa rakkoo nageenyaaf jecha nagaan ba’anii galuun ulfaatee jira jechuun haala uummanni naannicha keessa jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Leave a Reply