ONM-ABO Fulbaana 13, 2024
Pirezidaantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii Kamisa kaleessaa misaa’eliin Raashiyaa doonii midhaan fe’attee jirtu Galaana Gurraacha keessatti rukute jedhan.
”Misaa’elli Raashiyaa fe’umsa qamadii gara Masrii deemaa jiru irratti Halkan kaleessaa erga dooniim bishaan naannoo Yukireen keessaa baatee haleeluu Zeleniskiin X irratti dubbataniiru.
Sababa haleellaa kanaan lubbuun namaa darbe akka hin jirre kan dubbatan Zeleniskiin Yukireen “wabii nyaataa addunyaa ijoo” jechuun ibsaniiru.
Zeleniskiin tasgabbiin biyyoota addunyaa kudhanootaan lakkaa’aman hojii idilee fi gufuu malee koridoorii midhaanii Yukireen irratti kan hundaa’e ta’uu ibsuun, nyaata Kiiv biyyoota Afrikaa fi Baha Giddugaleessaaf geessitu murteessaa ta’uu ibsaniiru.
“Buufata doonii keenya, Galaana Gurraacha, fi nyaata gara gabaa addunyaatti ergamu eeguuf carraaqqii hunda gochuu itti fufna; Kun aantummaa dhugaa Yukireen lubbuu eeguu-fi dursa biyyoota hundaaf ta’uu qaba,” jechuun Zeleniskiin itti dabaluudhaan dubbataniiru.
”Addunyaan deebii akka kennitu eegaa jirra; qamadii fi wabii nyaataa gonkumaa misaa’elaaf xiyyeeffannoo ta’uu hin qabu,” jechuun dabalaniiru.
Aanga’oonni Raashiyaa hanga ammaatti himannaa kana irratti yaada hin kennine jechuun Associated Press gabaaseera.

