Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Jarmaniin lammiilee Keeniyaa 250,000 waliigaltee humna namaatiin simachuuf jirti

ONM-ABO Fulbaana 14, 2024

Jarmaniin waliigaltee godaansa hojjettootaa to’achuu fi xiyyeeffannoo qabuun hojjettoota Keeniyaa ogummaa qaban 250,000f balbala banuuf walii galtee jirti.

Keeniyaan ogeessota dargaggoota isheetiif hojii fi galii gahaa kennuu irratti rakkoon dabalaa dhufeen kan rakkachaa jirtu yoo ta’u, Jarmaniin ammoo hanqina humna namaa ogummaa qabu mudachaa jira.

Konkolaachiftoonni otobusii Keeniyaa shan pirojektii yaaliin gara kaaba Jarmanitti argamtu Filenisburgitti simatamaniiru.

Waliigalteewwan godaansaa mootummaan Jarmanii godaansa to’achuuf tattaaffii taasisaa jiru keessatti utubaa giddugaleessaa ta’uu ibsameera.

Waliigaltichi lammiilee Keeniyaa hayyama seeraa malee biyya Jarman keessa jiranis gara biyyaatti deebisuu salphisa.

Waliigaltee hojjettootaa kana magaalaa Barliin keessatti Chaansilara Jarman Olaf Skoolz fi preezdaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon mallatteessaniiru.

Jarmaniin lammiileen Keeniyaa dinagdee guddittii Awurooppaa keessatti hojii akka argataniif seera immigireeshinii ishee tokko tokko salphisuuf walii galte.

Lammiileen Keeniyaas Jarmanitti barachuu ykn leenjii ogummaa hojjechuuf viizaan yeroo dheeraa ni kennamaaf.

“Vizaan turtii yeroo dheeraa yeroo xumuramu lammiileen Keeniyaa hanga waggaa lamaatti Jarmanitti barnootaaf hayyama yeroof jiraachuu danda’u” jedha waliigalteen kun.

Akka waliigaltee kanaatti ogeeyyiin IT Keeniyaa irraa dhufan gahumsa sirnaa yoo hin qabaannellee Jarmanitti seenanii akka hojjetan ni hayyamamaaf.

Mootummoonni lamaan godaansa hojjettoota ogummaa qaban kanneen leenjii ogummaa xumuran ykn digrii yunivarsiitii argatan, hanga gahumsi isaanii qaama dhimmi ilaallatu qaama biraatiin beekamtii argatutti ni deggaru jechuun BBC’n gabaaseera.

Exit mobile version