Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Pirezidaantiin Iraan walgahii BRICS Raashiyaa keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf

ONM-ABO Fulbaana 16, 2024

Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan walgahii BRICS Raashiyaatti keessatti geggeeffamu irratti akka hirmaatan miidiyaaleen mootummaa Dilbata kaleessaa Moskootti ambaasaaddara Teeyiran wabeeffachuun, walta’iinsa waraanaa biyyoota lamaanii irratti biyyoota dhihaa waliin waldhabdee uumameen ibsaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Antony Blinken Kibxata darbe akka jedhanitti Raashiyaan misaa’ela balistikii Iraan irraa argatte, torban muraasa keessatti Yukireen keessatti itti fayyadamuu hin ooltu jedhanii turan. Tumsi Moskoo fi Teeyiraan gidduu jiru nageenya Awurooppaa bal’aa balaadhaaf saaxilee jira jedhan. Yunaayitid Isteets, Jarman, Biriteen fi Faransaay Kibxata darbe qoqqobbii haaraa Iraan irratti kan kaa’an yoo ta’u, tarkaanfiiwwan daandiin qilleensaa biyyaalessaa ishee Iraan Eer irratti fudhataman dabalateeti.

Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araqchi Kibxata akka jedhanitti, Teehiraan misaa’ela balistikii tokkollee Raashiyaaf akka hin geessine, qoqqobbii Ameerikaa fi biyyoonni Awurooppaa sadan Iraan irratti kaa’an furmaata akka hin taane ibsaniiru.

Iiraanii fi Raashiyaan waliigaltee tumsa hunda galeessa biyyoota lamaanii mallatteessuuf jiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version