ONM-ABO Ebla 23, 2025
Walgahiin niwukilaraa teeknikaa, sadarkaa ogeessaa Iraanii fi Ameerikaa gidduutti taasifamu Sanbata akka gaggeeffamu marii al-kallatti marsaa sadaffaa Omaan gidduu galeessa taatee mariisistuun akka gaggeeffamu Tehran Kibxata kaleessaa beeksifteetti.
“Walgahiin marii teeknikaa biyyoota lamaan gidduutti taasifamu, akka qaama marii al-kallattiitti Roobii har’aa gama lameen gidduutti taasifamuuf ture, gara Sanbata dhufutti darbe,” jedhan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Esmaayel Bageeyii.
Murteen walgahii kana irra deebi’anii saganteessuu “yaada Omaan fi waliigaltee jila Iraan fi Ameerikaa hordofuun” akka ta’e dubbataniiru.
Sababni beellamni kun darbeef battalumatti ifa hin taane.
Teeyiran fi Washington Ebla 12 irraa eegalee Omaan magaalaa Muskaat fi Room Xaaliyaanii keessatti marii al-kallatti marsaa lama kan gaggeessan yoo ta’u, Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Aragaachii fi Ergamaa Addaa Baha Giddu Galeessaa Isteev Witkoof marii kana dursaa jiru.
Omaan akka jettetti marsaan sadaffaan, Sanbatatti qophaa’e, ammas Muskaat keessatti akka gaggeeffamu dubbataniiru.
Mariin jalqaba baatii kanaa magaalaa guddoo Omaan keessatti taasifame erga prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp bara 2018tti waliigaltee niwukilaraa adda ta’e dhiisanii ba’anii as biyyoota lamaan akka diinaatti wal ilaalaan gidduutti marii jalqabaa ta’eera AFP’n gabaaseera.
