ONM-ABO Ebla 15, 2025
Mariin niwukilaraa Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifamu Roomitti akka gaggeeffamu Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii Antooniyoo Taajaanii ibsan.
Iraanii fi Ameerikaan Sanbata darbe Omaanitti marii “fayyaalessaa” fi “ijaarsaa” taasiftaniin torban kana irra deebi’anii akka wal argan himan.
“Qaamolee fedhii qaban irraa fi Omaan irraa gaaffiin nu qaqqabeera, innis gahee gidduu galeessaa taphachaa jirra, deebii gaarii kennineerra,” jechuun Tajaniin agarsiisa Ekspoo Addunyaa Magaalaa Osaakaa Jaappaan keessatti gaggeeffame irratti dhaabbata Oduu ANSAtti himaniiru.
Roomaan yeroo baay’ee haasaa gosa kanaa kan qopheessite ta’uu Taajaaniin himanii, “marii dhimma niwukilaraa furmaata kennuu danda’u hunda deeggaruuf, akkasumas nagaa ijaaruuf waan barbaachisu hunda gochuuf qophooftee jirti” jechuun dubbatan.
Kanaan dura dhaabbati oduu Ameerikaa Aksiyoos maddoota maqaan hin dha’amne lama dhimmicha irratti beekumsa qaban kaasuun, mariin Ameerikaa fi Iraan marsaa lammaffaa Sanbata dhufu Roomitti akka gaggeeffamu gabaasuu Rooyiters gabaaseera.

