Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mariin niwukilaraa Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifamu marsaa shanaffaan torban kana akka gaggeeffamu himame

ONM-ABO Caamsaa 22, 2025 

Mariin waliigaltee niwukilaraa US fi Iraan gidduutti taasifamu marsaan itti aanu torban kana akka ta’u dippilomaatii olaanaa Omaan Roobii kaleessaa ibseera.

“Haasaan Iraan fi Ameerikaa kun marsaa 5ffaan Jimaata kana Caamsaa 23 magaalaa Roomitti ni gaggeeffama,” jechuun Badrii Albusayidi barreeffama X irratti ibseera.

Waashingitan fi Tehran torban hedduudhaaf marii kallattii fi al-kallattii irratti kan bobba’an yoo ta’u, kunis erga prezidaant Doonaald Traamp sagantaa niwukilaraa Iraan irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu danda’u Iraan ofirraa ittisuuf waliigaltee haaraa irra ga’uu akka barbaadan beeksisanii booda.

Ji’a lamaaf yeroon murtaa’us, dippilomaatii olaanaan Tiraamp, Maarkoo Rubiyoon, torban kana waliigaltee irra ga’uun salphaa akka hin taane dubbataniiru. 

“Salphaa miti, garuu adeemsi amma itti bobbaane kanuma,” jedhan Ruubiyoon jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.

Exit mobile version