ONM-ABO Caamsaa 7, 2025
Mariin Iraanii fi Ameerikaa gidduutti sagantaa niwukilaraa Teehiraan irratti geggeeffame Dilbata dhufu magaalaa guddoo Omaan Muskaat keessatti akka gaggeeffamu Ejensiin NoorNews Iraan kan mootummaa waliin hidhata qabu Kibxata kaleessaa gabaaseera.
US fi Iraan Ebla 12 irraa eegalee marii marsaa sadii gaggeessaniiru. Mariin marsaa afraffaaf karoorfame, jalqaba Caamsaa 3tti beellamamee ture, “sababoota loojistikii” irraa kan ka’e yeroo biraatti darbe akka ture ni beekama.
Kibxata darbe prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin gita isaanii Iraan Masuud Pezeshkiyaatti akka himanitti, Moskoo waliigaltee niwukilaraa haqa qabeessa ta’e Tehiraan fi Waashingtan gidduutti akka deggartu fi marii kana tarkaanfachiisuuf gargaaruuf qophaa’uu isaanii ibsi Kiremliin irraa ba’e addeessuu Al Arabiyaan gabaaseera.

