Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti waraanni faashistii PP manneen amantaatti ol itti seenanii leenjii loltummaaf amantoota dirqamaan guuruun dhagaa’ame 

ONM-ABO Fulbaana 16, 2024

Bilxiginnaan sirna Habashootaa hiddaan gadi-dhaabuuf  dinagdee, amantii, afaanii fi aadaa Oromoo dhabamsiisee Itiyoophiyummaa dagaagsuuf   faloo ta’a jedhee gochoota dabaa hojjechuu itti fufuun ilmaan haadha hiyyeessaa bakka jiran cufaan dirqiin qabuun maatii boossisaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.

Fulbaana 15, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo  keessatti waraanni goolessaan PP manneen amantaa Ortodoksii Tewaahidoo, Waldaa Guutuu Wangeelaa,  Makkaaneyeesus fi kanneen birootti bobba’uun amantoota dirqiin qabuun ganda 07’tti akka guuran dubbatan.

Kaayyoon namoota nagaa butuu Bilxiginnaa kunis leenjii waraanummaaf akka ta’e jiraattonni kan himan yoo ta’u, impaayerattiin muddama siyaasaa isaan mudatee jiruuf humna waraanaa ijaaruun to’achuuf jecha namoota umriin isaanii 14 ol ta’an cufa dirqiin guuraa akka jiranis beekameera.

Galma bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo ganda 07 keessaa ilmaan Oromoo leenjii milishummaaf qabamanii jiran  200 ol qe’ee fi maatii isaanii dhiisanii dararaa argaa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version