Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dura taa’aan Mana Maree Abbaa Biyyummaa Sudaan, Sudaan Kibbaatti marii nagaa taasisaa jiru 

ONM-ABO Fulbaana 17, 2024 

Dura taa’aan Mana Maree Abbaa Biyyummaa Sudaan Abdel Fattaah Al-Burhaan  Wiixata kaleessaa Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Mayardit waliin marii biyyoota lamaanii taasisuuf magaalaa guddoo Sudaan Kibbaa Juubaa galaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Sudaan Kibbaa Ramadaan Abdalla Mohaammad Gok mariin kun marii fi tumsa ijaarsa qabuun nagaa fi tasgabbii naannoo guddisuu irratti xiyyeeffata jedhamee eegama jedhan.

“Hoggantoonni lamaan dhimmoota ariifachiisaa biyyoota lamaan irratti dhiibbaa geessisan furuuf jiru,” jechuun Gok yeroo Al-Burhan buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Jubaa ga’etti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniiru.

Lolli Ebla 15, 2023 magaalaa guddoo Sudaan Kaartuum keessatti humna waraanaa Sudaan (SAF) fi Humna dafee qaqqabaa (RSF) kan ka’e yoo ta’u, ergasii gara kutaalee biyyattii birootti babal’ateera.

Magaalaan daangaa Sudaan Kibbaa Reenkiitti guyyaatti namoota dhibbaan lakkaa’aman waraana Sudaan keessaa baqataniif bakka seensaati. 

Erga lolli magaalaa guddoo Kaartuum keessatti ka’ee as namoonni 745,000 ol daangaa ce’anii kan jiran yoo ta’u, kanneen keessaa walakkaa miliyoonaa ol lammiilee Sudaan Kibbaa waggoota dura yeroo Sudaan nagaa qabdu itti baqatanii fi Sudaan Kibbaa waraana keessa turanitti deebi’aniidha jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version