Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Museevenii fi Sudaanitti ergamaan addaa Ameerikaa dhimma nagaa fi tasgabbii irratti mari’atan

ONM-ABO Adoolessa 1, 2024

Pirezidaantiin Yugaandaa Yoweerii Museeveenii fi Sudaanitti ergamaan addaa mootummaa Ameerikaa, Toomaas Perreello dhimmoota naannoo dantaa waliinii qaban irratti mari’achuuf wal argan.

Walgahiin kun Sanbata darbe magaalaa Intebee Isteet Hawus keessatti gaggeeffameera.

“Dhimmoota naannoo biroo fedhii waliinii qaban keessaa, hojiirra oolmaa ibsa Mana Maree Nagaa fi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa Sudaan irratti mari’anneerra,” jechuun Museveniin waltajjii miidiyaa hawaasaa X irratti maxxanseera.

Walgahiin hooggantoota lamaanii kun kan ta’e, Manni Maree Nagaa fi Tasgabbii (PSC) Gamtaa Afrikaa (AU) waraana Sudaan keessatti, waraana Sudaan (SAF) fi Humnoota Deggarsa Saffisaa ( RSF) jedhamuun beekaman lola isaan gidduutti babal’ate tasgabeessuuf taa’ameen booda.

Murteen kun kan murtaa’e walgahii 1218’ffaa sadarkaa Hooggantoota Biyyaa fi Mootummaa Waxabajjii 21 dura taa’ummaa Museveniin gaggeeffame irratti.  Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaki Mahamat; Mohamed Ibn Chambas, Dura taa’aa Paanaalii Sadarkaa Ol’aanaa Gamtaa Sudaan, Workneh Gebeyehu, Barreessaa Olaanaa garee naannichaa (IGAD) fi Ahmed Aboul Gheit, Barreessaa Olaanaa Liigii Biyyoota Arabaa kan haammate ture.

Walgahiin kun haala Sudaan ilaaluuf yaa’iin addaa Gamtaa Afrikaa akka waamamu yaada dhiyeessee jira. Gama kanaan, Komishiniin Gamtaa Afrikaa Dura taa’aa Gamtichaa waliin mari’achuun guyyaa fi bakka walgahiin addaa armaan olitti ibsame irratti akka mari’atu gaafateera.

Koreen kun hooggantoota garee SAF fi RSF gidduutti walqunnamtii fuulaa fuulatti taasifamuuf haala mijeessuu irratti kan xiyyeeffatu ta’a.

Ibsichi Dura Taa’aan Mana Maree Abbaa Biyyummaa Ce’umsaa fi Ajajaan RSF osoo hin tursiisin gaaddisa AU fi IGAD jalatti akka walga’an waamicha dhiyeessee jira.

Hooggantoonni waraanaa Sudaan IGAD loogii qaba jechuun himatu.

Haala namoomaa ilaalchisee Manni Marichaa gidiraa ummata Sudaan irra ga’aa jiru dhaabuuf hatattamaa fi haal-duree tokko malee dhukaasa akka dhaabbatu gaafateera.

PSC’n akkasumas loltoonni hojjettoota gargaarsa namoomaaf qaqqabummaa fi eegumsa namoomaa akka kennan, namoota gargaarsa barbaadaniif gargaarsi hatattamaa akka kennamu cimsee waamicha dhiyeesseera jechuun gaazexaan Sudan Tribune gabaaseera.

Exit mobile version