ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2023
Dheengadda Onkoloolessa 14, 2023 pireezidaantiin Masirii Abdel Fattah El-Siisii Ministira Dhimma Alaa Eertiraa Osmaan Saaleh waliin mari’ataniiru.
Walgahii kana irrattis Ministirri Dhimma Alaa Masirii, Samii Shakurii, Daarektarri Tajaajila Odeeffannoo Waliigalaa, Meejar Jeneraal Abbaas Kamiil akkasumas Gorsaan Dhimmoota Siyaasaa Pireezidaantii Eertiraa Yamanii Gebiee Aab argamaniiru.
Dubbi himaan Waajjira Pireezidaantii Masirii, Ahimed Faamii akka ibsanitti, pireezidaant El-Sisiin xalayaa barreeffamaa, Pirezidaantii Eertiraa Isaayyaas Afwerkii irraa ergameef fudhatanii jiru.
Pireezidaantiin Eertiraa hariiroo obbolummaa biyyoota lamaan hidhu ilaalchisee, keessumaa yeroo ammaa kanatti naannicha qormaatni wal duraa duubaan mudachaa waan jiruuf, marii fi qindoomina waloo cimsuu akka barbaadu, akkasumas hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa caalaatti tarkaanfachiisuuf fedhii biyyi isaanii cimsanii dubbataniiru.
Pireezidaant El-Siisiin nagaa fi dinqisiifannaa isaanii pireezidaant Afwerkiif akka dabarfamuu gaafachuun Masiriin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf, keessumaa dhimmoota nageenya naannoo irratti qindoomina uumuu, tumsaa fi pirojektoota waloo dameewwan misoomaa adda addaa irratti cimsuu, akkasumas bu’uura tumsa biyyoota lamaanii dhimmoota adda addaa irratti gochuu fi cimsuu irratti fedhii waliinii akka qabdu mirkaneessaniiru.
Walgahiin kun haala yeroo naannolee fedhii waliinii qaban irrattis mari’ateera. Gaanfa Afrikaa fi haala ollaa Sudaan irratti xiyyeeffannoon kan kenname ta’uunis ibsameera. Mariin sadarkaa adda addaatti itti fufuun nageenyaa fi tasgabbii naannichaa cimsuu akka danda’u waliigalteerra ga’ameera.
Haa ta’u malee Jiilli Qondaaltota Eertiraa dhimma Itoophiyaan ulaa galaanaa jettu irratti mari’achuu kan hin ibsine yoo ta’u, dubbii Abiy Ahimed dhimma Galaana Diimaa irratti qondaaltota isaaf ibsa kennee guyyaa tokko booda Eertiraan Masiriin deemuun namoota hedduuf gaaffii ta’ee jira.

