Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Masirii fi Eertiraan galaana diimaa eeguuf akkasumas mootummaa fi nageenya biyyoota buufata galaanaa cimsuuf waliigaltee irra gahan

ONM-ABO Bitootessa 24, 2025 

Biyyootni lamaan Galaana Diimaa irratti biyyoota qarqara bishaanii malee akka hin dabalanne murteessanii jiru.

Pireezidantiin Abdel Fattaah El-Siisiin Gibxii dhimma murteessaa Gaanfa Afrikaa fi Galaana Diimaa ilaalchisee ministeera dhimma alaa Eertiraa Osmaan Saaleeh waliin wal arganiiru.

Ministeera dhimma alaa Badr Abdalatty fi Daayreektarri olaanaan tajaajila ogummaa jeneraalaa Hassan Rashaad argamuun mariisisaniiru.

Waltajjiin kun barbaachisummaa dammaqinaa fi tarkaanfiiwwan bu’aa qabeessummaa biyya diina taate irraa rakkoowwan naannolee mudatan qolachuu keessatti qabu kan mallatteessuudha.

Masirii fi Eertiraan galaana diimaa eeguuf akkasumas bulchiinsa cimsuu fi nageenya naannoo qarqara  galaanaa gidduu jiru eeguuf waliigalaniiru.

Kallattii lamaaniin jechuun biyyootni lachuu maree isaanii kana keessatti hirmaannaa biyya naannoo qarqara bishaanii hin taane akka hin simanne ibsaniiru.

Mariin kun yeroo itti Abiy Ahimed Paarlaamaa Kamisa darbee irratti akka Eertiraa hin weerarre himuun garuu Asabitti dhiyoo ta’ee ukkaamamee akka hin teenye ibse keessatti yoo ta’u, haala sochii waraana biyyootni lamaan daangaa irratti qaban The Economist fi The Guardian baasaniin wal qabatee gaanfa Afrikaatti maaltu deemuuf jira kan jedhu yaaddoo namoota hedduu ta’uun ni beekama.

Exit mobile version