Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Soomaaliyaa, Masrii fi Eertiraan tumsa biyyoota sadeenii tolfachuu Soomaaliyaan ibsite 

ONM-ABO Onkoloolessa 12, 2024

Pireezidaantiin Mootummaa Federaalawaa Somaalee, Dr Hassan Sheikh Mohamud, walgahii murteessaa biyyoota sadii Onkoloolessa 10,2024, Eertiraa Asmaraatti gaggeeffame irratti hirmaataniiru. Waltajjii kana kan qopheesse Obbo Isaayyaas Afwerkii Pirezidaantii Eertiraa yoo ta’u yaa’ii kana iratti Abdel Fattah El-Sisi, Pirezidaantiin Rippabiliika Arabaa Masrii qooda irraa fudhataniiru. 

Hooggantoonni kunneen dhimmoota naannoo fi idil-addunyaa irratti marii bal’aa irratti kan geggeessan yoo ta’u, tasgabbii naannoo, tumsa, fi qajeeltoowwan ijoo seera idil-addunyaa kabajuu irratti xiyyeeffataniiru.

Hooggantoonni kunneen mirga abbaa biyyummaa fi tokkummaa naannoo saboota naannichaa hunda kabajuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. Dhimma keessoo biyyoota biroo keessa akka hin seenne ittisuuf kutannoo qaban irra deebi’anii mirkaneessaniiru. 

Waliin ta’uun nagaa fi tasgabbii dagaagsuuf tattaaffii taasifamu qindeessuun dhaabbilee mootummaa Somaaliyaa humneessuu irratti waliigalaniiru. Kunis dandeettii Waraanni Biyyaalessaa Somaalee shororkeessummaa ittisuu fi daangaa lafaa fi galaanaa Somaaliyaa eeguuf qabu guddisuu dabalata.

Mata dureewwan ijoo walgahii kana irratti mari’ataman rakkoo Sudaan, nageenya naannoo, fi tumsa biyyoota qarqara galaanaa Galaana Diimaa fi Bab al-Mandab daangessan gidduutti taasifamuu kan dabalatuudha.

Hooggantoonni kunneen yaada Masriin humnoota nagaa eegsisan Somaaliyaaf gumaachuuf dhiheessite kan simatan yoo ta’u, tumsa tarsiimoo daran guddisuuf koree waloo biyyoota sadii, Ministiroota Dhimma Alaa Eertiraa, Masrii fi Somaaliyaatiin durfamu hundeessuuf waliigalaniiru. Walgahiin kun biyyoonni sadan nagaa, tasgabbii fi misooma naannichaa tarkaanfachiisuuf of kennuu isaanii irra deebi’ee mirkaneessina jechuun waliigaltee biyyoota sadeeni Ministeerri Haajaa Alaa Soomaaliyaa ibsa kaleessa baaseen beeksiseera.

Exit mobile version