Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

US, haleellaa Huutiin dooniiwwan Galaana Diimaa irratti raawwatte booda michoota ishee eeguuf humna galaanaa irratti marii taasisaa jiraachuu Associated Press gabaase 

ONM-ABO Muddee 5, 2023

Waayit Haawus Wiixata kaleessaa akka jedhetti, U.S dooniiwwan sadii misaa’ela Huutii deggarsa Iraaniin daangaa Galaana Diimaa Yaman irratti dhukaafame guyyaa tokko booda, garee hojii galaanaa dooniiwwan daldala Galaana Diimaa keessatti eegdu hundeessuu akka dandeessu hubachiisteetti.

Gorsaan nageenya biyyaalessaa Jeek Salavaan akka jedhanitti, U.S. dhimmichi xumuramuu baatus eegdota kana hundeessuuf michoota ishee waliin haasawa cimaa taasisaa turte, taatee akkasii kanaaf deebii baratamaa dha jechuun ibsaniiru. 

Dilbata darbe misaa’eloonni balistikii finciltoota Huutii Yamaniin dhukaafaman dooniiwwan daldalaa sadii kan rukute yoo ta’u, dooniin waraanaa U.S. ammoo haleellaa ofirraa ittisuu  sa’a  dheeraaf taasisaniin diroonii sadii kuffisanii jiru jedhan. 

Haleellaa galaanaa walduraa duubaan Baha Giddu galeessaa keessatti waraana Israa’el fi Hamaas waliin walqabatee raawwatamu hammaachuu agarsiiseera.

Biyyoota tokko tokko waliinis dhimma hojii galaanaa irratti, akka dooniiwwan biyyoota michoota US nagaan darban mari’achaa jirra jechuun Salavaan gaazexeessitootaaf ibsan.

Humnootni kun hojii walfakkaataa qarqara galaanaa Somaaliyaa dabalatee doonii daldalaa bakka biraatti geessu eeguuf akka fayyadaman hubachiisaniiru jechuun Associated Press gabaaseera.

Exit mobile version