ONM-ABO Muddee 16, 2023
Walgahiin kun waliigaltee waloo Caamsaa darbe Prezidaant Isaayyaas Afwerkii fi Pireezidaanti Shii Jiinping gidduutti Beejiingitti raawwatame hojiirra oolchuurratti kan xiyyeeffatedha.
Ambaasaaddar Xuye’n biyyoonni lamaan walitti dhufeenya seenaa fi tarsiimoo biyyoota lamaanii akka guddisan amantaa qaban ibsaniiru
Preezdaant Isaayyaas Afwerkii kaleessa Muddee 15 Mana Keessummootaa Denden keessatti ergamaa addaa Rippabiliika Uummata Chaayinaa Gaanfa Afrikaatti Ambaasaaddar Shuyee Biing waliin wal arganii marii taasisaniiru.
Walgahii kanarratti preezdaanti Isaayyaas fi Ambaasaaddar Biing hariiroo biyyoota lamaanii, guddina naannoo fi idil-addunyaa, akkasumas tarkaanfiiwwan biyyoonni lamaaniin fudhatamuu qaban irratti mari’ataniiru.
Gamoonni lachuu walitti dhufeenya tarsiimoo Eertiraa fi Chaayinaa gidduu jiru cimsuu fi guddisuu irrattis mari’ataniiru.
Walgahii kanarratti Ministirri Dhimma Alaa Eertiraa Osmaan Saaleh fi Hogganaan Dhimma Diinagdee PFDJ obbo Hagos Gebrehiwet argamaniiru.
Gaanfa Afrikaatti Ergamtuun Addaa Rippabiliika Uummata Chaayinaa Eeriinaa waliin kan dubbatan Ambaasaaddar Shuyee Biing walgahiin kun waliigaltee waloo Caamsaa darbe Pirezidaantii Isaayyaas Afwerkii fi Pirezidaantii Shii Jinping gidduutti Beejiingitti taasifame hojiirra oolchuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.
Hariiroon dippilomaasii Eertiraa fi Chaayinaa bara kana waggoota 30f akka ga’e kan hubachiisan Ambaasaaddar Shuyeen biyyoonni lamaan walitti dhufeenya seenaa fi tarsiimoo biyyoota lamaanii akka guddifatanii fi waliin ta’uun qabsoo olaantummaa addunyaa irratti taasisan akka guddisan amantaa qaban ibsaniiru.
Ergamaan addaa Rippabiliika Uummata Chaayinaa gaanfa Afrikaatti Ambaasaaddar Shuyee Biing daawwannaa wal fakkaataa baatii Bitootessa fi Fulbaana bara 2022 gaggeessuun isaanii ni yaadatama.

