Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gamtaan Afrikaa mootummaa walfakkaatu Sudaan keessatti RSF hundeessine jedhuuf ‘beekamtii hin kennu’ jedhe

ONM-ABO Adoolessa 31, 2025 

Gamtaan Afrikaa Kibxata kaleessa Sudaan keessatti “mootummaa walfakkaataa jedhamuun” Humna Deggersa Ariifataa RSFn labsameef beekamtii akka hin kennine ibsuun, miseensonni isaa akka hordofan dhaamaniiru.

Waraanni biyya keessaa hadhaawaan waggoota lamaaf Sudaan keessatti geggeeffamaa ture mootummaan humna deggersa ariifataa (RSF) mootummaa ijaaruu beeksisuu fi muummicha ministeeraa Snabata darbe mudeera.

Manni Maree Nagaa fi Tasgabbii  Gamtaa Afrikaa “Biyyoonni Miseensota Gamtaa Afrikaa hundii fi hawaasni addunyaa gargar bahuu Sudaan akka didan, ‘mootummaa wal-fakkaataa’ jedhamu kan tattaaffii nagaa fi egeree jiraachuu biyyattii irratti bu’aa hamaa qabuuf beekamtii akka hin kennine gaafateera,” jechuun ibsa baaseen ibseera.

Sudaan gargar baatee kan jirtu yoo ta’u, waraanni Sudaan kaabaa, bahaa fi giddu galeessa to’achaa  turuun  dhiheenya kana magaalaa guddoo Kaartuum deebisee kan fudhate yoo ta’u, RSF ammoo harka caalu Daarfurii fi kutaalee Kordofan kan qabatee jira. 

Mootummaan sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qabu kan waraana waliin hiriiree ji’a Caamsaa keessa ijaarame kun qondaala mootummoota gamtoomanii duraanii Kaamiil Idriisiin hogganama.

Sanbata darbe RSFn “mootummaa nagaa fi tokkummaa” mataa isaa kan labse yoo ta’u, Mohamed Hassan al-Ta’ayshi muummicha ministeeraa fi mana maree pirezidaantii ta’uun isaa ni yaadatama.

Qondaaltonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii tarkaanfiin kun gargar bahuu Sudaan gadi fageessuu fi waldhabdee Ebla 2023 eegale dhaabuuf tattaaffii dippilomaasii walxaxaa taasisuu akka danda’u akeekkachiisuu Al Arabiyaa fi AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version