ONM-ABO Fulbaana 22, 2024
Murni Bilxiginnaa impaayerattii bulchaan jira jechuu, sagantaa siyaasaa hamaa hawaasa gara qileetti oofu tolfachuun, namoota nagaa siyaasa kamirraa walaba ta’an afaan qawween cafaqee bulchuuf jecha doorsisuu, qe’eerraa godaansisuu, hidhuu, saamuu fi ajjeesuu hojii isaa idilee godhatee jira.
Haaluma kanaan Fulbaana 20, 2024 godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamannee ganda Awaashoo Dhanquu jedhamutti milishoonni fi kaadiroonni murna faashistii PP Hajii Mohaammad Turee kan jedhamu qabuuf yeroo mana isaa deemanitti inni manaa dhibnaan haadha warraa isaa fi ilma isaa qabuun akka hidhan jiraattonni himan.
Haadha warraa Hajii Mohaammad Aadde Faaxumaa Qaabatoo fi ilma ishee Siraaj Hajii Mohaammad akkasumas, Obbo Qaabatoo Tolaa fi haadha warraa isaa Aadde Hawwaa kan jedhamtu soddaan keessan eessa jira? fidaa jechuun reebicha jabaa erga irratti raawwataniin booda mana hidhaa waajjira Poolisii 81 jedhamuun beekamutti akka hidhan beekameera.
Kana malees nama maqaan isaa Edasoo Qaabatoo jedhamu irraanis reebicha hamaa yommuu ga’an aanuma Shaashamannee ganda Allachee Qoree jedhamu irraas nama maqaan isaa Adam Daddafii jedhamus hidhaniiru.
Milishoonni gochoota gara jabinaa hawaasa irraan ga’aa jiranis muraasni maqaan nu ga’e:
- Guutamaa Fayyisaa,
- Gabbii Tibeessoo,
- Furaa Bondhoraa,
- Jamaal Gobaanaa Abayee
- Amaanaa, Jorroo fi
- Jamaal Godaanaa kanneen jedhaman akka ta’anis jiraattonni ONM’tti himaniiru.

