Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee aanaa Awaashoo keessatti hidhaa hammeesse

ONM-ABO Fulbaana 6, 2025 

Ergamtootni Bilxiginnaa godina Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee kutaa magaalaa Allachee aanaa Awaashoo ganda Alchee iddoo addaa Agamsa jedhamu keessatti miseensa waraana bilisummaa Oromoo kan ta’e nama maqaan isaa Muusaa Sheek Usmaan jedhamu dafaa fidaa, eessa jira jechuun abbaa isaa kan ta’e: 

  1. maanguddoo umrii 90 Sheek Usmaan Duubee fi ilma isaanii 
  2. Abbaas Sheek Usmaan akkasumas haadha warraa Muusaa kan taate 
  3. Aadde Rahimaa Daddafoo 

Hagayya 29, 2025 mana isaaniitii ukkaamsuun waajjira poolisii ganda Alchee keessatti hidhuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti gaaffii seeraa tokko malee dararaa jiraachuun addeeffameeera. 

Namni Muusaa jedhamu kun waggoota 6’n darban dura maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun murni Bilxiginnaa adamsee qabuun mana hidhaa aanichaatti darbatanii hiraarsaa turuu fi erga gadi dhiifamee galees shakkamaa ta’ee adamfamuun mana isaa keessa jiraachuu dhorkamee  gandichuma keessaa ari’anii kan godaansisan oggaa ta’u, yeroo ammaa kana immoo maatiidhaan barbaadaa fidaa jechuun dararaa ulfaataa irraan gahaa jiru.

Gama saamichaatiin ammoo ganduma kana magaalaama Alchee keessatti maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayerattiif jedhuun hawaasa irraa qarshii guuruu, namoota waan kaffalan of harkaa dhaban immoo qabeenya isaanii waanuma mul’atu jalaa saamuu fi harka qalleeyyii homaa hin qabne immoo hidhaa fi reebicha ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuun eerameera.

Exit mobile version