ONM-ABO Fulbaana 18, 2025
Sirni lammiilee impaayerattii keessa jirtu kallattii hundaan itti duulee dinagdeen kufffisaa jiru Bilxiginnaan, kutaalee Oromiyaa hunda keessatti barattoonni mana barnootaatti barachuuf maallaqa baankii irratti akka galchan dirqama itti godhuun maatii harka qalleessaa akka ijoollee isaa hin barsiifanne gochaa jiru.
Haaluma kanaan bulchiinsa magaalaa Shaashamannee aanaa Awaashoo mana barnootaa Mandara Awaashoo jedhamu keessatti barattoonni mana barnootaatti deebi’uuf yeroo galmaa’uuf deemaatii dursa qarshii 1,400 baankii Siinqee irratti galchaatii nagahee baankii irraa fidaa koottaa malee akkanatti isin hin galmeessinu jechuun barattoota didaa jiraachuu jiraattonni aanichaa ifoomsaniiru.
Qarshiin kun kan maaliiti jedhanii yeroo barattoonni kun gaafatanitti isin hin ilaallatu yoo barachuu barbaaddu ta’e deemaatii galchaa nagee fidaa kottaa, nutis waan jedhan hojjanna jechuun barattoota kana dheekkamsaan of irraa gaggeessaa jiraachuu gabaasaan nu qaqqabe ni addeessa.
Qarshii qonnaan bultoota Oromoo irraa dirqiin Baankii Siinqee akka galu taasifamuun dhibbentaa 20 kan ta’u namootni muraasni bakka itti fayyadamaa jiranii fi barattootni yuuniversitii dhibbentaa 3.2 qofti bakka darbetti Bilxiginnaan Baankii Siinqee Baankiin Biyyaalessaa Impaayerattii sirrii miti, maallaqa qisaasessaa jira jedheenitti har’as garee maallaqa Oromoo bashannanaa jiru kanaaf maatiin barattootaa maallaqa akka achi kaa’aniif dirqiin taasisaa jiru.

