ONM-ABO Fulbaana 20, 2024
Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan Afriikaan Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii (UNSC) keessatti bakka bu’ummaa dhaabbataa akka qabaattu irra deebi’anii gaafataniiru.
Hogganaan Afriikaa Kibbaa kun ardiin namootni biiliyoona 1.3 keessa jiraatu bakka bu’ummaa malee hafuun fudhatama akka hin qabne cimsanii dubbataniiru.
Agarsiisa qilleensaa Afrikaa keessatti buufata humna qilleensaa irratti gaazexeessitoota waliin haasawa taasisaniin, Ramafoosaan Afrikaan teessoo dhaabbataa qofa osoo hin taane mirga sagalee sagaleen kuffisuu argachuu qabdi jechuun falmaniiru.
“Yeroo ammaa kana bakka bu’ummaa dhabuun keenya suukaneessaa dhugaadha, garuu duula filannoo geggeessaa turre, yaad-rimeen kun amma fudhatama argachaa jira,” jedhan Ramaafoosaan.
“Dandeettii arganneerra, beekumsa arganneerra, Afrikaan sirna UN fi caasaa adda addaa keessatti bakka isheef sirrii ta’e kennuu qabu,” jechuun dabalaniiru.
Kunis kan ta’e erga Ameerikaan torbee darbe biyyoota Afrikaa lama miseensa dhaabbataa UNSC akka ta’aniif qaama haaromsa yaadame kanaa ta’uun aangoo veetoo malee akka deggarsa gaafachuu ishee ibsite booda.
Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa fi gita isaanii Chaayinaa Shiin Jiinping bara darbe ji’a Hagayyaa keessa marii gabatee geengoo hoggantoota Chaayinaa fi Afrikaa Johaannesbarg keessatti hoggantoonni Afrikaa hedduun irratti hirmaatan waliin dursaa turan.
Gamni lamaan kaayyoo fi qajeeltoowwan Chaartara Mootummoota Gamtoomaniif kutannoo cimaa qabaachuu isaanii fi qulqullina naannoo, abbaa biyyummaa fi dantaa nageenyaa fi misoomaa kabachiisuuf wal deggarsa cimaa qaban irra deebi’anii mirkaneessaniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

