Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hoogganaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gama hundaan haqaaf falmuuf Afrikaa waliin akka dhaabbatu dubbate

ONM-ABO Muddee 12, 2024 

Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Roobii kaleessaa akka jedhanitti, Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa fi ummanni Afrikaa gama hundaan haqaaf falmii taasisaa jiran waliin wal cinaa dhaabbachuu isaanii ibsaniiru.

“Afrikaan haqa faayinaansii barbaaddi,” jedhan Antooniyoo Gutereez Ministirri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa Roonaald Laamoolaa waliin magaalaa guddoo Piritooriyaa keessatti ibsa waloo miidiyaaf kennaniin.

Gutereez akkasumas Afrikaan rakkoo qilleensaa kanaaf sarara duraa waan dhaabbatteef haqa haala qilleensaa akka barbaaddu ibsuun, ardii kana irraa kan gadi lakkifamuu xiqqaa ta’us, jijjiiramni qilleensaa ishee irratti dhiibbaa geessisuu fi dinagdee ishee rukutaa jira jedhan.

Hogganaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kun s Afrikaan deeggarsa maallaqaa argachuu akka qabdu ibsuun, fedhii biyyoota guddachaa jiran kaa’uuf waadaa galuu kan of keessatti hammate ta’uu ibsaniiru.

Waliigaltichi dandeettii liqii baankota misoomaa biyyoota hedduu haalaan guddisuuf Galmoota Misooma Itti Fufiinsa qabuun gara fuulduraatti tarkaanfachuuf tarkaanfiin akka fudhatamu kan gaafatu ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas Afriikaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti teessoo dhaabbataa lama akka qabaattu deeggarsa godheera jechuun BBC’n gabaaseera

Exit mobile version