ONM-ABO Fulbaana 27, 2024
Oftuultonni Bilxiginnaa sabaa fi sab-lammii impaayera Itiyoophiyaa keessa jiraatan irraa addatti saba Oromoo moggaatti dhiibuun humna waraanaatiin weeraranii dargaggoota ukkaamsuu jabeessaniiru.
Dhaaddannoon sirnichaa olaantummaa karaa dinagdee, siyaasaa, humna waraanaan saba nagaa hirmaannaa siyaasaa irraa walaba ta’anitti agarsiisuun miidhaa qaqqabsiisuuf kaayyeffatanii hojjechaa kan jiran basaastota qindeeffachuun namoota Lixa Oromiyaa irraa gara Finfinnee deemuun jiraatan hordofuun ukkaamsaa jiraachuun beekameera.
Keessattuu namni maqaan isaa Gulummaa Gomooshoo jedhamu dhalataa godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Biloo Ejeree kan ta’e, yeroo ammaa ammoo bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuu bakka Kattaa kan jiraatu namoota Lixa Oromiyaa irraa garas deeman hordofee hiisisuu fi ajjeechaa irratti raawwachuun cinatti achi buutee dhabamsiisaa jiraachuun himameera.
Namni Gulummaa Gomooshoo jedhamu kun namoota aanaa Gudayyaa Biilaa gandoota Biloo Ejeree fi Caalii Jimaa irraa gara Finfinnee jiraachaa jiran lama namoota ammaaf maqaan isaanii nu hin geenye waraana faashistii PP qabsiisuun bulchaa ganda Biloo Ejeree nama maqaan isaa Birraatuu Cherinnet jedhamutti dabarsee kennuun akka ajjeesisee jirattootni ONM’tti himaniiru.

