ONM-ABO Fulbaana 27, 2024
Uummanni Oromoo anga’oota murna abbaa irree Bilxiginnaa biratti arrabsamaa, hidhamaa fi ajjeefamaa kan jiru qe’ee fi seenaa isaa dhabee jiraachaa osoo jiruu qaamoleen sirnichaa dantaa sabaa irra ilaalcha hamaa walii isaaniif qabaniinis ajjeechaa walii isaanii irratti geggeessaa oolu.
Bifuma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu bulchiinsa magaalaa Gooriitti Fulbaana 26, 2024 waraanni faashistii PP qaama isaanii ta’uun hojii abbaa dura taa’aa gandaa kan hojjetu dhalootaan aanaa Lataa Sibuu ganda Giddaa Daallee kan ta’e nama maqaan isaa Abaatee Yaadataa jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Obbo Abaateen nama umurii 60 yemmuu ta’u bara sirna EPRDF irraa kaasee hojii badii hawaasa Oromoo irratti raawwachuun qeerroo fi qarree Oromoo adamsee ajjeechaa irratti kan taasisaa ture yoo ta’u, yeroo ammaas akkaataa ittiin hawaasa saaman irratti wal dhabuun baatii tokkoof waraana garboomfataa PP’n qabamee hidhamee dararaa argaa erga tureen booda akka ajjeefame ifoomeera.
Murni Bilxiginnaa walii isaaniifis jaalala kan hin qabne teessuma dhuunfaa isaanii eeggachuuf bakkeewwan adda addaatti ajjeechaa wal irratti raawwachaa akka jiranis irra deddeebiin gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

