ONM-ABO Fulbaana 26, 2024
Paarlaamaan Iraan Roobii kaleessaa nama siyaasaa garee xiqqaa Sunnii keessaa tokko itti aanaa pirezidaantii ta’uun akka hin muudamne dhorkuu isaa miidiyaaleen mootummaa gabaasan.
Ji’a Hagayyaa keessa prezidaant Masoud Pezeshkian Abdolkarim Hosseyinzade itti aanaa pirezidaantii misooma baadiyyaa fi naannoolee carraa hin qabne ta’uun muudamuu isaanii “muuxannoo gatii guddaa qabu” kaasuun beeksisaniiru.
Garuu Roobii kaleessaa miseensonni mana maree aangoo itti aanaa pirezidaantii fudhachuuf paarlaamaa irraa aangoo gadhiisuu isaanii mormuu isaanii dhaabbati oduu IRNA ibseera. Itti dabaluudhaanis, “Miseensonni paarlaamaa bakka bu’oota 247 argaman keessaa 107 deggersa, 129 mormii fi shan sagalee hin kennine,” jechuun dabaleera.
Sagalee kana hordofuun miseensi paarlaamaa Mehirdad Lahoyut sagalee kennameen “dandeettii fi muuxannoo” isaatiin mana maree seera baastuu keessatti akka turuuf kan yaadame ta’uu dubbataniiru.
Murteen Hosseyinzade aangoo akka hin gadhiifne dhorkamuu isaa Sunnii ta’uu isaa waliin “guutumaan guututti kan wal hin qabanne” ta’uu dubbataniiru. Yeroo duula filannoo isaaniitti Pezeshkiyaan, nama haaromsaa kan ta’e, sabaa fi amantii xiqqaa, keessumaa Kurdoota Sunnii, bakka barbaachisoo ta’an irratti bakka bu’ummaa dhabuu qeeqaniiru.
Haa ta’u malee murtoon siyaasaa xumuraa Iraan abbaa Amantii Ayyaatolaa Kameeniin akka kennamu gabaasaan Rooyitars irraa arganne ni addeessa.

