Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Paarlaamaan Yukireen seera qabeessummaa Pirezidaanti Zelenskii mirkaneesse

ONM-ABO Gurraandhala 26, 2025 

Paarlaamaan Yukireen murtii seera qabeessummaa turtii pirezidaantii Volodyamiyer Zelenskii aangoo irra jiru kan mirkaneesse yoo ta’u, filannoo pirezidaantummaa yeroo biyyattiin waraana irra jirtutti kanatti geggeessuun akka hin danda’amnee fi yeroo biraatti dabarsuu isaanii murtii sagalee baay’inaan raggaasiseera.

Miseensonni paarlaamaa 268 Kibxata kaleessaa argaman murtii kana raggaasisuuf sagalee guutuun kan kennan yoo ta’u, miseensonni paarlaamaa biroo 12 ammoo walgahii kana irratti hin argamne.

Murteen kun hoggansa paarlaamaatiin kan qophaa’e yoo ta’u, yeroon isaa idilee Caamsaa keessa kan xumuramu Zelenskiif deggarsa fakkeenyaa ta’eera.

Torban darbe prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp waggoota darban keessa filannoo waan hin gaggeessineef Zelenskiin “abbaa abbaa irreeti” jedheenii ture.

Haa ta’u malee, seera Yukireen jalatti, hanga seerri waraanaa guutuu biyyattiitti itti fufee jirutti filannoon gaggeessuu hin danda’amu. Weerara Raashiyaa Guraandhala 2022 booda labsiin waraanaa labsameera.

Deeggarsa paarlaamaa malee waliigalteewwan idil-addunyaa kan akka waliigaltee nagaa Raashiyaa waliin ta’uun ykn waliigaltee meeshaalee dheedhii US waliin yaadame raggaasifamuu fi hojiirra ooluu hin danda’an jechuun Aljazeraan gabaasa dheeraa baaseen dubbisiisera.

Exit mobile version