ONM-ABO Fulbaana 26, 2024
Sudaan keessatti lakkoofsi namoota weerara koleeraan lubbuu isaanii dhabanii 433 akka ga’e gabaafameera.
Walumaagalatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 13,922tti akka ol guddate ibsi Ministeera Fayyaa biyyattii baase kan ibsu yoo ta’u, ji’a Waxabajjii irraa eegalee rooba cimaa fi lolaan weerara vaayirasicha kan kakaase ta’uu ibseera.
Angawoonni Sudaan Hagayya 12 dhukkubni koleeraa biyya weeraruu isaa labsan.
Biyyattiinis waraana biyya keessaa hamaa keessa waan jirtuuf, sirni fayyaa ishee bu’a qabeessa ta’ee hojjechaa waan hin jirreef babal’achuun dhukkuboota weeraraa jireenya daran rakkisaa taasiseera jedhan jechuun Rooyiters gabaaseera.

