Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

UNICEF talaallii koleeraa miiliyona 1.4 gara Sudaan geesse

ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2024 

UNICEF Sanbata kaleessaa doosiin talaallii koleeraa afaaniin fudhatamu miiliyoona 1.4 buufata bahaa Sudaan waraanaan miidhamte kutaa bahaatti galchuu beeksiseera.

Ergiin kun daa’imman weerara koleeraa irraa eeguuf kan kaayyeffate yoo ta’u, kunis erga ji’a Adoolessa irraa eegalee kutaalee biyyattii 18 keessaa 10 kan miidhe yoo ta’u, kunis namoonni 18,000 ol vaayirasichaan kan qabamuun, 550 ammoo kan du’an ta’uu ibsi Dhaabbati Mootummoota Gamtoomanii baase ni addeessa.

Talaalliin haaraan kun doosiiwwan 404,000 ji’a darbe kennaman kan dabalu yoo ta’u, duula talaallii namoota miiliyoona 1.81 naannoolee baay’inaan miidhaman irratti xiyyeeffate itti fufee jiru kan deeggaru ta’uu ibsichi jala sararee addeesseera.

“Talaalliin kun tatamsa’ina dhukkuboota lubbuu namaa galaafatan kana dhaabuuf barbaachisaa dha,” jedhan Sudaanitti bakka bu’aan UNICEF  Sheldon Yett.

Sudaan keessatti daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 gadi  tilmaamaan miiliyoona 3.4 ta’an dhukkuba weeraraatiin qabamuuf carraa guddaa kan qaban yoo ta’u, hanga Muddee kanaatti namoonni miiliyoona 3.1 dhukkuba koleeraan qabamuu isaanii UNICEF beeksiseera.

Sudaan Ebla bara 2023 irraa eegalee lola waraanaa fi humna deggersa ariifataa (RSF) kan liqimfamte yoo ta’u, waldhabdee kanaan yoo xiqqaate namoonni 12,260 ajjeefamanii, 33,000 ol ammoo madaa’uu isaanii lakkoofsi UN ni mul’isa.

Exit mobile version