Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Afgaanistaan ​​keessatti daa’imman miliyoona 7.5 talaallii farra pooliyoo fudhachuuf

ONM-ABO Amajjii 31, 2024

Bulchiinsa AAfgaanistaa 34 keessaa 21 keessatti daa’imman umurii shanii gadii miiliyoona 7.5 ol talaallii farra pooliyoo akka fudhatan ibsi Ministeera Fayyaa Hawaasaa biyyattii beeksiseera.

Duula farra pooliyoo guyyoota afuriif Wiixata dheengaddaa eegale kanaan daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’aan 7,580,085 niif talaalliin kun godinaalee 21 aanaalee 233 keessatti akka kennamuuf ibsichi dabalee addeesseera.

Duulli walfakkaataan dhukkuba naaffisaa ta’e kana dhabamsiisuuf ji’a tokko dura Mudde 29 biyya waraanaan miidhamte kana keessattis kan jalqabame yoo ta’u, yeroo kana daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’aan gara miiliyoona 7.5 ta’aan talaallii pooliyoo fudhataniiru.

Afgaanistaan ​​keessatti bara 2023 keessa namoonni pooliyoon irratti mul’ate ja’a galmaa’uun isaanii gabaafameera. Hanga ammaatti ragaa bara kanaatiin namootni pooliyoon qabaman jedhaman argamuu isaanii kan mirkaneessu hin baane.

Akka Fandii Hatattamaa Daa’immanii Idil-addunyaa Mootummoota Gamtoomanitti, Afgaanistaanii fi Paakistaan ​​biyyoota pooliyootiin qabaman lamaan akka addunyaatti hafanii dha jechuun Jiinuwaan gabaasee jira.

Exit mobile version