ONM-ABO Fulbaana 25, 2024
Turkiin pirojektoota invastimantii haaraa giddu galeessa Somaaliyaa bulchiinsa Galmudug keessatti qorachaa akka jirtu ergamaan Turkii biyyattiitti Kibxata kaleessaa beeksiseera.
Jilli Somaaliyaatti Ambaasaaddara Turkii Alper Aktas’n durfamu, magaalaa guddoo Galmudug Dusmareb erga ga’ee booda, pirezidaantii kutaa biyyattii Ahmed Abdi Kariye fi Kaabinee isaanii waliin mari’ateera.
Naannoo Galmudug keessatti pirojektoota bu’uuraalee misoomaa hundeessuun gahee invastimantiiwwan Turkii irratti mari’ataniiru.
“Bu’uuraalee misoomaa Galmudug barbaachisan hundeessuuf tarkaanfiiwwan fudhatamuu danda’anii fi adeemsa kana keessatti gahee invastimantiiwwan Turkii ta’uu danda’an irratti mariin oomishaa taasifneerra,” jechuun Aktas ibsa Imbaasii Turkii Moqaadishootti baaseen dubbataniiru.
Yeroo dheeraaf michuu dhiyoo Somaaliyaa kan taate Turkiin, damee barnootaa, bu’uuraalee misoomaa fi fayyaa ishee irratti invastimantii gochuun, akkasumas gargaarsa namoomaa bal’aa kenniteetti.
Turkiin waraana biyyoolessaa Somaalee leenjisuuf magaalaa guddoo Moqaadishoo keessattis bakka waraanaa guddaa qabdi jechuun Arab news gabaasera.

