Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Asakoo keessatti loltoonni sirnichaa wal ajjeesuu fi wal madeessuun beekame

ONM-ABO Fulbaana 29, 2024

Wal-qoodiinsa sanyummaa, diigamuu mooraa sirnichaa, tokkummaan dhabamuu fi amanamummaa wal irraa dhabuun iddoowwan hedduutti loltoonni murna bilxiginnaa walii isaanii irratti ajjeechaa raawwachuu, wal madeessuu fi keessaa ganaa jiru.

Bifuma kanaan Fulbaana 28, 2024 aanaa Asakoo ganda Dhalata Caffaa iddoo addaa Ceekaa jedhamu keessatti miseensi loltuu sirnichaa tokko maqaa WBO waliin quunnamtii qabda jedhamuun karaa ajajaa  isaanii yeroo ajajni ajjeesi jedhu itti darbutti miseensi ajaja fudhate tokko loltuu  kana ajjeese. 

Yeroo kana miseensi biraa tokko kan cinaa isaa ture ammoo miseensuma miseensa ajjeese sana itti dhukaasee ajjeesuun lameen isaanii lubbuun yoo darbu jidduu isaaniitti loltoonni biroo sadii madoo ulfaataa ta’uun booda irra lubbuun darbuun beekamee jira.

Akkasumas inni miseensi kun ajjeefamuu hin qabu jedhee miseensa tarkaanfii fudhate ajjeese kun yeroo sanatti madaa’us ajjeesuu fi dhiisuun isaanii hanga yoonatti waanti beekame hin jiru.

Sababni tarkaanfii wal irratti fudhatan kunneenis WBO quunnamta jedhamuun ta’us inni ajajni ajjeefamuu itti darbee fi maaliif ajjeestan jedhe ammoo sanyii kiyya  ilaalchaan adda adda malee jechuun akka miseensa sana itti dabalee ajjeeses dabaluun maddeen keenya moorichaa ONM’tti himaniiru. 

Kanuma irraa ka’uun mooraa sirnichaa keessatti wal-qoodiinsi sanyummaa daran dagaagee akka jiru kan agarsiisuudhas jedhan.

Exit mobile version