ONM-ABO Fulbaana 29, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana murna maafiyaa PP irratti fudhatu itti fufuun guyyaa har’aa Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Haaluma kanaan tarkaanfii har’a Fulbaana 29 aanaa Liiban Cuqqaalaa bakka addaa Tulluu Cuqqaalaa jalatti fudhateen loltoota Abiy Ahimed irraa 2 ajjeesee 2 harkaan qabee jira.
Gama meeshaatiin qawwee AKM 3 hidhaannoo gutuu waliin irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

