ONM-ABO Onkoloolessa 2, 2024
Abdii fi gaaddisni saba Oromoo leencichi WBO Zoonii Harsadee Birgeediin Caffee Tumaa, Fulbaana 28, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti waraana faashistii PP bakkoota adda addaa afur kanneen akka Waaccuu, Korobdaa, Golbee fi Gooroo jedhamtutti guyyaa sa’aa 11:00 irraa jalqabuun hanga galgala irraa sa’a 3:00tti haleellaa jajjabduu irratti raawwachuun hedduu du’aa fi madoon adabuu qondaala waraanaa bakkichaa irraa baruun danda’ameera.
Tarkaanfii fudhatame kanaanis waraana sirnichaa rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun gaara keessa olii fi gadi fiigsisuun loltoota shan fayyaatti harkaan qabee qawwee fi hidhannoo guutuu irraa hiikuun galii moonaa qabsoo bilisummaa Oromotiif taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

