ONM-ABO Fulbaana 29, 2024
Afrikaan Kibbaa Sanbata kaleessaa Libaanos keessatti hatattamaan dhukaasni akka dhaabbatu kan gaafatte yoo ta’u, Israa’el torban kana keessa haleellaa qilleensaa dheeraa yoo jalqabde jirtutti. Haleellaa kanaanis lammiileen nagaa dhibbaan lakkaa’aman ajjeesuu fi kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.
Piritooriyaan dhiheenya kana ”ajjeechaa seeraan alaa” hammaataa dhufe ilaalchisee yaaddoo ibsiteetti, keessattuu ajjeechaa hogganaa Hizbollaahl Hasan Nasrallaa fi hoggantoota biroo Libaanos keessatti raawwatame ilaalchisuun.
Ministeerri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa ibsa kenneen, “Hangamni miidhaan dho’iinsa loogii malee Israa’eliin raawwatame baay’ee kan nama dhibu yoo ta’u, hawaasa addunyaa irraa balaaleffannaa cimaa kan barbaaduudha” jedheera.
”Haleellaan akkanaa namoota nagaa irratti raawwatamu mirga namoomaa fi seera namoomaa idil-addunyaaf sarbama guddaa ta’a,” jechuun “gochoonni kun haala duraanuu Baha Giddugaleessaa keessatti walxaxaa ta’e hammeessuuf kan tajaajilan yoo ta’u, tattaaffii nagaa idil-addunyaa bara naannichatti.”
‘‘Yeroo qormaataa kanatti Mootummaa Libaanos waliin gamtaan dhaabbannee haleellaawwan amma deemaa jiran kana booda deggarsa keenya ibsina,’’ jedhe ministeerichi.
Afrikaan Kibbaa namoonni Libaanos keessatti ”yakka dursanii itti yaadame” kana raawwatan ”qorannoo idil-addunyaa, iftoomina qabuun” akka itti gaafataman gaafatteetti jechuun Doochi Waleen gabaaseera.

