ONM-ABO Onkoloolessa 1, 2024
Murni aadaa, duudhaa fi afaan isaa balleessuuf uummata Oromoo dararuu adeeffate sirni badee balleessaan impaayera Itiyoophiyaa bilxiginnaan yeroo irraa gara yerootti gochoota gara jabinaa kanneen akka, hidhaa, saamichaa, ajjeechaa fi qe’ee irraa godaansisuu irratti raawwachaa ooluun alatti, amma immoo Ayyaana Irreechaa ugguruun aadaa fi duudhaa isaa akka hin hordofne gochaa jira.
Haaluma kanaan Fulbaana 28, 2024 irraa kaasee hanga Fulbaana 30, 2024’tti aanaa Negellee Arsii magaalota aanaa sanaa keessaa namoonni irreecha deemuu barbaaddan heyyama keenyaan ala deemuun hin danda’amu kottaa waraqaa heyyamaa baafadhaa, namni osoo nuti quba hin qabaatin dhaqe rakkoo achitti uumamuuf itti gaafatama jechuun itti dhaadachaa jiraachuu maddeen eeran.
Bara mootummaa kamiyyuu keessa takkaa dhorkamnee hin beeku kan keessan maali? biyya keenya irratti waraqaa maal nu barbaachisa, waraqaa eenyummaa ammoo qabna, sabni fedhes yoo dhaqee irratti hirmaate rakkoo maal qaba jechuun oggaa uummanni gaafatu, diinonni keenya hedduun nu marsanii waan jiraniif carraa kanatti gargaaramanii nu miidhuu danda’u waan ta’eef kanaafuu namoonni ajaja keenyaan ala deemtan itti gaafatama jala akka jirtan quba qabaadhaa jechuun uummata doorsisaa turuun ifoomeera.

