ONM-ABO Onkoloolessa 5, 2024
Murni Bilxiginnaa Ayyaanni Irreechaa aadaa fi duudhaa isaa eeggatee itti fufuurra meeshaa siyaasaa isaa akka ta’uuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa ture.
Namoota isaaf amanamoo ta’an affeeruu, konsertiiwwan sirbaa fi agarsiisa adda addaa karaa namoota isaa qopheessisuun irratti argamanii akka waan Oromoof mirgi isaa deebi’eetti dubbachuun waltajjii hoo’isaa turan.
Haala kanaanis ilmaan Oromoo Ayyaana Irreechaa irraa illee qooda akka hin fudhanneef ilaalchaan qoodanii waraqaa kennaafii turan.
Haa ta’u malee Qeerroo fi Qarreen Oromoo xaxaa siyaasaa Bilxiginnaa kana cabsuun waltajjii Irreechaa irraa qooda fudhachuu dhaqan dhaadannoolee mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo leellisan, hooggantoota WBO jajjabeessanii fi Bilxiginnaa balaaleffatan dhageessisaa turan.
Dhaadannoolee akka WBO’n gaachana Oromooti, Jaal Marroon hoogganaa keenya, dararaan uummata Oromoo irraa haa dhaabbatu, Abiy Ahimed fi Shimallis Abdiisaa seeratti haa dhiyaatanii fi Bilxiginnaan aangoo irraa haa buutu jechaa turuun barameera.
Sirbaa fi dhaadannoolee kana kaleessa jalabultii irraa kaasanii hanga har’aatti tokkummaan jechaa turaniiru.
Murni waa’een Bilxiginnaa qofti akka dha’amuu fi faarfamu barbaadu ergamtota isaa bobbaasee kaleessa galgala irraa qabuun bakka Irreechaa irraa dargaggoota 10 ukkaamsanii deemuu hirmaattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

