Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni bilxiginnaa ayyaana Irreechaa ilaachisuun dargaggoota hedduu qabanii hidhuuf maree dhoksaa ta’anii jiraachuu iccitiin keessoo isaaniitii ba’e addeesse

ONM-ABO Fulbaana 30, 2023

Irreechi bakka itti  Oromoon Oromiyaa keessa jiruu fi addunyaa kana irra jiran hedduun itti walga’anii waaqa uumama uume akkasumas duumessa gannaa keessaa baasee booqaa birraatti baaseef galata dhiyeessan yoo ta’u, sirna Abbaa irree bilxiginnaatiif garuu cidha waggaa dirree itti dargaggoon Oromoo adamfamanii hidhaman ta’uun marsaa irreechi dhiyaatu cufatti sagantaan hidhaa fi ajjeechaa qophaawuun gocha amaleeffatameedha. 

Akkuma biyyoonni addunyaa falaasama mataa isaanii qaban uummanni Oromoos jaarraa tokkoof walakkaa (cabinsa Oromoo dura) jaarraa hedduuf malkaa bu’ee tulluuttis ba’uun uumaa uumama kana uumte jedhee waaqa isaa galateefachaa ture.

Akkuma tiksitootni impaayerattii dhufanii darban aadaa duudhaa fi eenyummaa uummata Oromoo dhabamsiisuuf hojjechaa turan, PP’nis abbaa darabee ta’ee sirna sabichaa dalga maqsuuf karoora badiisaa wixinee guyyaa kabajamaa kanarratti hiree ilmaan Oromoo mana hidhaa gochuu irratti bobba’ee jira.  

Akkuma waggaa darbe dhalataa godina Horroo Guduruu Wallaggaa tokko ajjeessanii, namoota hedduu hidhaa fi reebichaan dararaa turan bara kanas qophiitti jiraachuu maddeen keessoo isaaniitii ba’e ni mul’isa. 

Haaluma kanaanis, Finfinnee fi Bishooftuu keessatti kaabinoonni bakka bakkaa walitti dhufuun waraanaa fi milishoota walitti qabanii mariisisaa turuu isaanii hirmaataan walga’ii sana irratti hirmaate tokko ibseera.

Haal dureen marii isaaniis namoota tokkoo lamaan deeman akkasuma jeequmsa kaasuu yaalan qabaa hidhaa adda Waraanaatti ergina, akkasumas ajjeessuu fi reebuu qabdus jechuun mari’achaa turuus ibsa.

Kanaaf Qeerroon bilisummaa Oromoo akkasuma sabboontotni ilmaan Oromoo  yeroo gara Irreechaa deeman gamtaan deemuu akka qabanii fi uummata Oromiyaa golee mara keessatti finxaaleyyii Amaaraa fi hidhattoota Kolonel Abiy Ahimediin dhumaa jiraniifis tokkummaan sagalee akka ta’an jechuun dhaamsa isaa dabarfateera.

Exit mobile version