Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Irreessi/Irreechi Irree Oromooti

Irreessi/Irreechi maaliif «irree Oromooti» jedhama? Irreessaa fi irree Oromoo maal tuu walitti hidha? Gaafii tana sonaan deebisuuf hidda latiinsa jecha irreessa jedhu muummee (etymology) isaa irraa kaanee qorachuu nu gaafata. Akka hayyuun qormaata saay’nsii ilma naamaatii fi hawaasaa (anthropologist) maqaa Karl Erik Kutsson, 1967 jedhutti jechi irreessa/irreessa jedhu moggaasaa «irroo» jedhu irraa latuu fi dagaaguu isaa ibsa.

Irroo jechuun maqaa qubeelaa ilka arbaa irraa tolfamuu fi gootichi leencaa fi arba ajjeessee goobaan galuu fi rarragee geerraru ceekuu isarratti hidhatu. Jechi irroo fi irree jedhu mirga, injifannoo, humnaa fi uduuda mallatteessa. Hundee jecha irroo jedhu irraa jechoonni irree, irreeffachuu, irreessuu, irreessa/irreecha kkf..  dagaaguu hubachuu feesisa.  

Jechi irreeffachuu jedhu hirmaata dubbii Afaan Oromoo keessatti wixin-gocha (infinitive verb) yoo tawu eebbifachuu, baanachuu, dhibaafachuu, waaqa kadhachuu, kakachuu, araarfachuu, abaaruu, murteessuu fi gooduu akeeka. Kanaafuu irreessi/irreechi humna waloo saba Oromoo qorqalbii fi siyaasaa (spiritual and plitical power) muldhisa. 

Irreessi/Irreechi Xiribbaa Ijaarsa Sammuu Oromoo (Oromo Psychological make-up) 

Irreessi/Irreechi utubaa ykn dareersumaa maalummaan saba Oromoo irratti ijaarame keessaa tokko tawuu hubachuun murteessaadha. Jecha biraatiin irreessaan/irreechaan alatti maalummaan saba oromoo hubachuun hin dandayamu; irreessaan alatti sabummaan Oromoo guutuu miti yoo jdhame dhugaa jirtu ibsuudha. Daay’saan ykn xiribbaan sammuu fi maalummaan saba Oromoo (national character) aadaa, seenaa, afaanii fi biyya Oromiyaa keessatti calaqqisa. Irreessi utubaa sammuu fi maalummaan saba Oromoo irratti ijaarame keessaa tokko jechuun Irreessi hin qoqqoodamu ykn guutuudha (indivisible whole) jechuu dha. Kana jechuun Irreessa gara amantii qofaatti harkisuun ykn garaa aadaa qofaatti gadi-haphaleessuun ykn gara ayyaan-biyyoolessaa callaatti (national holiday/festival) harguuguun qajeelaa miti. Kanaafuu Qoraamalli (psychology) saba Oromoo irreessaa fi aadaa keessatti uf-muldhisa jechuun irreessi hundumaa uf-keessatti ammata jechuudha. Irreessi amantille, aadallee, ayyaana biyyoolessalle. Walumaa galatti irreessi qorqalbii saba Oromootii fi amala biyyoolessaati (psychological make-up or nationa character). Kanaaf jecha irreessa bitaa fi mirgatti harkisuu fi dhisanii qoqqooduuf yaaluun dogoggora tawuu bira lufee sabboonummaa Oromummaa shasharafuudha. Qoraamala waloo saba Oromoo kana gara caafii tokkotti harkisanii qeenxee gochuun osoo hin beekin PP gargaarudha jenna.  

Irreessi Guutuudha (Indivisible Whole)

Akkuma armaa olitti tuttuquu yaalle, Irreessi utubaalee jahan (pillars of Oromo nation) maalummaan saba Oromoo irratti ijaarame keessaa tokko. Utubaaleen ykn dareersumaan sabni Oromoo irratti ijaaramee itite: Afaan waloo Oromoo, seenaa ititaa waloo Oromoo, aadaa waloo Oromoo, hormaata diinaggee waloo, biyya waloo fi qoraamala waloo ykn Irreessa jechuun ni dandayama. Jecha biraatiin Irreessa Gadaatiin alatti maalummaan saba Oromoo guutuu miti. 

Irreessi guutuu hin qoqqoodamne jechuun ammoo Irreessi ayyaana hangafa biyyoolessa Oromiyaati; garuu Irreessa ayyaana qofaatti gadi-dhiphisuun qajeelaa miti. Irreessi amanti Waaqaa Tokkicha: Waaqa Garaa Garbaa Leelloo Garaa Taliilaa uf-keessatti ammata; haa tayu malee irreessa amantii callaatti gadi-xiqqeessanii balshee gochuun dogoggora guddaadha. Irreessi meeshaa garee siyaasaatii fi kortoo aangoo namoota dhumfaa fi murnaatti gadi xiqqeessuunis yakka guddaadha. Waldorgommii paartiilee siyaasaa keessatti Irreechi irbu-dideessaa fi looga-maleessaa (non-political and non-partisan) tawuu hubachuu feesisa. Itti aansuunis Irreessa meeshaa seedataa fi bunnaqata siyaasaa godhachuun ummata Oromoo irratti yakka hojjachudha. Garuu Irreessi dorgommii Paartii siyaasaa fi wirrijaa aangoo dhuumfaa fi murnaa keessatti irbu-dideessaa fi looga-maleessa jechuun qabsoo walabummaa Oromiyaatii fi bilisummaa Oromoo keessatti tumsa dideessa jechuu miti. Inuuyyuu faallaa kanaatiin meeshaa qabsoo bilisummaa fi walabummaa tawuu isaa sochii Qeerroo fi Qarree Oromoo yaadachuun dirqama. Kanaafuu Irreessi utubaa fi meesshaa qabsoo sabaa tawuu sonaan hubachuu feesisa. Beekkaanis tayee wallaalaan Irreessa qoqqooduu fi gara ilaalcha qeenxeewwanitti gadi-xiqqeessuun dogoggora daangaa hin qabne jenna. Irreessaa fi Waaqeffannallee bitaa fi mirgatti dhisanii qaama lama fakkeessuunis dogoggora guddaadha. Namootaa fi murnoonni amantii nyaaphaa jalatti golgatanii Irreessa irratti duulanis saaxilamuu qabu jenna. 

Irreessi/Irreechi Jaarmaya

Irreessi Gadaa utubaalee sirni Gadaa irratti ijaarame keessaa tokko jechuun ni dandayama. Caasaan sirna Gadaa Oromoo utubaalee sadeen irraa ijaaramuu qorayyuun hawaasaa maqaa Asmaroom Laggesaa jedhamuun beekamu akka gaaritti ibsa. Utubaaleen sirni Gadaa irratti ijaarame luba Gadaa, jaarmaya lamooyyee fi Gumii tawuu ni addeessa. Utubaaleen gurguddoon sirni Gadaa irratti yayyabame sirna walmadaalchisuu fi filmaanni haqa-qabeessi akka geggeeffamu qooda isaanii gumaachan. Bakka ijaarsi qaalluu ykn irreessi Gadaa hin jirretti maalummaa sirna Gadaa hubachuun hin dandayamu. Sirni Gadaa sirna dimokiraatawa kan jechisiisuu keessaa jaarmayaan lamooyyeen irreecha Gadaatiin hogganamu jiraachuu isaati. Jecha biraatiin hennaa lubni Gadaa filmaata geggeeffatu jaarmayaan qaalluu filmaata tooyachuu fi gooduun dirqama. Filmaata gogeessa Gadaa ol’aantummaan tooyachuu callaa osoo hin tayin filmaanni godhame haqa-qabeessaa fi seera-qabeessa tawuu qaamni tooyatee goodu/raggaasisuu irreessa Gadaati. Kanaafuu irreessi/irreechi qor-qalbii sammuu fi maalummaan saba Oromoo irratti ijaarame qofaa osoo hin tayin qaama sirni Gadaa irratti ijaarame keessaa tokko tawuu hubachuun fardiidha. Jecha biraatiin jaarmaya lamooyyee irreessa Gadaatiin alatti Gadaan guutuu miti. Irreessi jaarmaya duwwaa osoo hin tayin falaasamaa fi naaduraa Oromoon addunyaa isaa ittiin laaluu fi hubatu tawuu sonaan hubachuu feesisa. 

Irreessi/Irreechi Yaayyaa fi Falaasama Addunyaa Oromoo (Oromo Cosmology and Philosophy)

Hundeen falaasama ykn marraagama Irreessa/Irreecha safuu fi seera uumaa tiiksuu fi nagaya waaraa buusuudha (harmony). Nagaya waaraa buusuu fi madaala uumaa tiiksuuf safuu fi seerri uumamaa jiraachuu qaba. Yoo safuu fi seerri Waaqaa caphe cubbutuu dhugaa irratti ol’aantummaa gonfata; yoo cubbuu fi yakki dhugaa irratti ol’aantummaa gonfate ammoo nageenni dhabamee madaalli uumaa jallata. 

Safuu fi seerri Waaqaa akka hin faallofnee fi akka madaalli uumamaa hin jalatne Oromoo falaasama yaayyaa shananii uumee seera iddoo shanitti addaan qoodee itti tume. Safuu fi seera Yaayyaa Shananii gabaabsinee akka asii gadiitti tarreessina: Seera namaa, Seera Urjiiwwanii ykn Seera Bantii Waaqaa, Seera Karaabichaa ykn Kotte-duudaa, Seera Sa’aatii fi Seera Aloo Aloolaati. 

Kaayoon hundee fi muldhanni irreessaa Waaqa uumamaa margaa bishaaniin irreeffachuu, araarfachuu fi akka seerri Waaqaa-lafaa fi sa’aa namaa hin cabne tiiksuudha. 

Biltsiginnaan Maqaa Irreechaatiin Dubbatuuf Seexaa Namummaa fi Moraala Oromummaa (Moral High-ground) Hin-Qabu

Teessumoo ykn Ambiiroo Ayyaana Irreechaa (Spiritual & Historical Topographies)

Oromoon muldhataa fi falaasama isaa keessatti ayyaanni warra qaalaa qaalluu laggeenii fi tulluuwwan irra qubata jedhee yaada. Ayyaanni irreessaa qunnamsiisaa Waaqaa Laafaati jedhamee waan amanamuuf qaalluu fi ayyaanni lafa jiddu-galaa malkaawwanii fi tulluuwwan filata. Kanaafuu ambiiroo fi baattoolee ayyaana irreessaa/irreechaa (Irreechaa topography) Tulluuwwan Saddeettan Waaqayyoo fi Haroowwanii fi Malkaawwan Oromiyaa filatee waggaa waggaan irreenfata. Tulluuwwan Saddeettan Waaqayyoo akka armaa gadiitti tarreessina: Tulluu Erarii-Karrayyu, Tulluu Boosati, Tuulluu Furii, Tulluu Eegduu, Tulluu Fooyataa, Tulluu Galaan, Tulluu Waataa fi Tulluu Daalachaa jedhamu. Tulluulleen asii olitti tarreessine gaara Cuqqaalaa marsanii argamu. Odaaleen guguddoo sirna Gadaatii fi teessoon abbaa Muudhaa irraa fagoo miti. 

Bara sirni Gadaa ture irreessi odaawwanii fi gamoolee abbaa muudhaa keessatti kabajamaa ture.   

Ambiiroon lammeessoo haroowwanii fi malkaalee Oromiyaati. Seenaa bara dheeraa keessatti Oromoon Hora Finfinnee, Haroo Arsadee, Malkaa Qonxurree fi Malkaa Sa’aa filatee margaa bishaaniin Waaqa isaa irreenfata.  Ardha Tulluuwwanii fi haroowwan baattoo fi teessoo irreechaa turan haala akkamii keessa jiru gaafii jettu ka’uu fi deebii argachuu qabdi. Gartuun amma aangoo irra jiru maqaa irreessaatiin dantaa siyaasaa daldalachuu fi maqaa tourizim horoo funnaachuu bira dabree kunuunsaan tulluuwwanii fi haroowwan irreessaatiif godhu hin jiru. Kanaafuu, akkuma sabboonummaan Oromummaa abbaa dhabe, Irreessis abbaa dhubuu muldhata. Irreessi ummata Oromoo malee abbaa biraa hin qabu; Irreessa qananiisee, kunuunsee dhaloota itti aanuuf dabarsuun qabsoo waloo Oromootiin dhufa malee kennaa, hayyamaa fi tola-ol’tummaa garee Bilxiginnaatiin hin dhufu jenna. 

Irreechi Maalummaa Oromoo Dura-Jireessaa fi Buulessa (Indigenous)

Hegeree Irreessaatii fi Walabummaa Oromiyaa Lakkuleedha

Akkuma asii olitti tuttuquu yaalle, Irreechi utubaalee sabaa fi sabboonummaan Oromoo irratti ijaarame keessaa tokko tawuu ibsinee jirra. Itti fufiinsaanis dareesumaa sabni Oromoo seenaa keessatti irratti guduumfame, maalummaa waloo saba Oromoo (pan-Oromo national identity) tawuu babbay’sinee jirra. Akkuma hubatamu sabni Oromoo adeemsa seenaa keessatti afaan waloo, aadaa waloo, diinaggee waloo, biyya waloo fi qoraamala waloo (common psychological make-up) irraa ijaarame. Irreessi/Irreechi ammoo ijaarsa sammuu waloo Oromoo keessatti qooda leencaa qaba. Irreessi qorqalbii walootiin sammuu Oromoo ijaaruu callaa osoo hin tayin yaada Oromoo tokkoomse keessattis qooda guddaa qaba. 

Sabni Oromoo yaadaa fi aadaa alagaa ykn nyaaphaa fudhachuun duratti qorqalbii waloo qabaachaa turuu seenaan dhugaa ni mirkaneessa. Kiyyoo gabrummaa jalatti kufuu Oromiyaatii fi diigamuun sirna Gadaatiin duratti maalummaan Oromoo sabni Oromoo maalummaa dura-jireessaa fi buulessaa qabaachaa ture. Ardhas yoo taye Oromoon amantii fi yaada alaa-dhufaa fudhatus maalummaa waloo fi qorqalbii waloo irratti waliif gala. 

Mootummoonni dhufaa-lufaan impaayera Itoophiyaa maalummaa waloo fi amantii Oromoo hundumaa duguugaa turan. Bara garee Biltsiginnaa maalummaa Oromoo duguuguu qofaa osoo hintayin maalummaa waloo kortoo aangoo siyaasaa godhachuu fi amantiin waldorgomsiisuu fi jaji’anii qoqqooduu aadeffatame. Shiraa fi hirgii kana sabboonoon Oromoo irratti dammaquu qaban jenna. 

Fakkeennaaf ummattootaa fi biyyoonni amantii Islaamaa hordofan hedduun isaanii maalummaa waloo Arabaa irratti ijaaraman. Jecha biraatiin maalummaa Arabaatii fi amantii walitti hin makan. Jecha biraatiin amantiif tumsanii eennummaa Arabaa irratti hin duulan. Sabboonummaa amantii yaada jedhus hin qaban. Habashoonni amantii Kiristaanaa hordofanis amantiif looganii eennummaa isaanitti hin duulan. Garuu namoonni Oromoo tokko tokko amantii cinaa dhaabbatanii yoo eennummaa fi qoraamala waloo Oromoo (Irreessa) irratti duulan agarra. Gochaan qor-qalbii waloo Oromoo gara amantii qofaatti dhipphisanii irratti duulan dogoggora daangaa hin qabne godhuu duwwaa osoo hin tayin beekkaanis tayee wallaalaan ynaaphaaf jiga bawuu hubachuu qaban. 

Golgaa Jireennaa fi Dandamata Irreechaa (Irreessaa Survival and Preservation Mechanism)

Caphuu fi diigamuu Irreessaa caphinana ummataa Oromootii fi kiyyoo gabrummaa jalatti kufuu Oromiyaatiin addaan baasanii laaluun hin dandayamu. Sirni kiyyoo gabrummaa impaayera Itoophiyaa daangaa Oromiyaa caphsee Oromiyaa weeraree irra qubatuu seenaan ragaa baya. Sirni impaayera kolonummaa akkuma Oromiyaa cabseen gubbarraa fi jaldhaaba sirna buulessaa fi dur-jireessa diiguu eegale. Irreessi akkuma sirni Gadaa diigameen walumaan diigamuun isa mudhate. Gabroomfataan Ioophiyaa maalummaa saba Oromoo diiguu fi ukkaamsuu bira dabree sirna Gadaatii fi Irreecha walfaanaa diige; sirni gabroomfataan eennummaa Oromoo fi sirna Gadaa diiguu bira lufee amaarsuu, kiristaanessuu fi diqaalomsuu itti fufe. Ambiirowwanii fi baattoolee duraan Irreessi Gadaa irratti dagaage hundeen buqqisee maqaa jijjiirree ykn amaarsee bataskaana Orthodoksii irratti ijaare. Teessumoo fi baattolee duraan odaawwan Oromoo irra turan qubsumaa waraana koloneeffataatitti geedaree kiristinnaa kaasee irra qubate. Carraan haroowwan, tulluuwwanii fi laggeen walatajjii irreessaa turan mudate kanuma ture.

Kanaafuu irreessi Gadaa baduu diddaaf maqaa amaaraa fi amantii Orthodoksii golgatee bara dabarfachuuf dirqame. Duula gama lamaan irratti banamee irraa baraaruuf maqaa መስቀል, እንቁጣጣሽfi ጥምቀት jedhu jalatti dhokatee bara dabarfate. Ateeteen Oromollee dhiibbaa gama lachuu ufirraa qolachuu fi jiraattee bara dabarfachuu maqaa Maariyaamii fi Faaxumee Nabii jedhu uffattee baroota hamaa qaxxaamurtee ardha geette. Irreessi amantii nyaaphaa golgatee bara dabarfachuu qofaa osoo hintayin makamuu, liqimfamuu fi gabeelchaa (hybridization) tawu isa mudate. Ardhallee Oromoon irreessaa fi golgaa nyaaphaa addaan baasee hin hubannee fi masqalli, inquxaaxaashii fi ximqanni aadaa Oromooti jedhee falmu jiraachuun dhugama kana diidatti muldhisa. 

Kaayoo fi makkaaldhoon hundee Irreessaa madaala uumaa tiiksuu fi nagaya waaraa buusuudha. Madaalli uumamaa jallatee safuu fi seerri Waaqaa akka hin caphne tiiksuudha. Faallaa kanaatiin gareen maqaa Biltsiginaatiin uf-waamu faallaa nagaayaa duwwaa osoo hintayin waraanaan dhalatee waraana qofaan jiraata. Biltsiginnaan rakkoo sabaa fi biyyaa karaa nagayaatii fi araaraan furuuf fedhas tayee, seexaa fi imaammata hin qabu. 

Muldhanni hundee Irreessaa dhugaa fi cubbuu addaan baasee cubbuu sabarraa fageessuu fi dhugaa waarsuudha. Bilstiginnaan garuu murna cubbuu waarsee dhugaa awwaalu waan tayeef faallaa fi fallaadaa Irreessaati. Irreessi kabajaa mirga dhala-namoomaa, mirga hiree murteeffannaa fi Dimokiraasii Gadaa Oromootiif dhaabbata; faallaa kanaatiin Biltsiginnaan mirga ilmoo namaatii fi sabaa mulquu fi ukkaamsuun beekama. 

Kaayoon bu’ura Irreessaa cubbamaa fi qulqulluu addaan calaluu fi atantaruudha; faallaa kanaatiin Biltsiginnaan cubbamaa fi yakkamaadha. Bilsiginnaan yakka mirga namoomaa, duguuggaa sayii fi yakka waraanaa raawwatee jira. Yakka kanaafis itti gaafatama. Walumaa galatti Biltsiginnaan yakkamaa fi cubbamaan gooba moraalaa fi seexaa dhimma Irreessa ittiin dubbatu hin qabu. 

Hegeree Irreessaa fi Walabummaa Oromiyaa addaan baasanii laaluun akka hin dandayamne asii olitti tuttuquu yaallee jirra. Irreessi calaqqee maalummaa saba Oromootii fi siyaasaa saba Oromoo tawwuu gadi-fageennaan hubachuun murteessaadha. Gaafiin Irreessa Oromoo jiraachisuu fi kunuunsanii dhaloota itti aanuuf dabarsuu sirna kiyyoo gabrummaa Oromiyaa irraa kaasuu fi ummata bilisaan mootummaa walabaa Oromiyaa ijaaruu wajjiin walitti hidhataadha. Sirna kolonii Oromiyaa irraa kaasuu fi mootummaa birmaduu dimokiraatawaa Republika Oromiyaa ijaaruuf ammoo ummata Oromoo tokkoomsuu fi humneessuu gaafata. 

Ummata Oromoo tokkoomsuu fi humneessuun ammoo tokkummaa kaayoo (unity of purpose), tokkummaa jaarmayaa (organizational unity) fi tokkummaa hujii fi tarkaanfiin muldhatu (unity of action) argamsiisuu fardeessa. Tokkummaa kana keessatti tokkummaa Irreessaa tiiksuu fi akka qor-qalbii waloo maalummaa Oromootti fudhachuunis tokkummaa saba Oromoo keessatti qooda ol’aanaa gumaacha. 

Ardha akkuma saba Oromootii fi Oromiyaa Irreessi abbaa-jaarmayaa hin qabu. Irreessatti abbaa-jaarmayaa itti soquu fi Oromoo fi Oromiyaa abbaa itti godhuun walfaanaa deemuu qaba. Jecha biraatiin Irreessa wakkiila ijaarsaa (institutional agency) itti tolchuu fi Ormiyaa keessatti ammoo mootummaa walabaa Oromiyaa hundeessuun (Oromia sovereign nation-state) ijaaruun dirqama lakkuudha. Utubaan dirqamni lakkuu kana galmaan gawu ammoo jaarmaya siyaasaa waraanaa tawuu irratti Oromoon tokkummaa hin daddaaqne uumuu fi ABO-WBO ammachuu fi humneessuun murteessaadha jenna. 

With the 🖊 Jaal Karoorsaa Bosonaa and Jaal Jamaal Miidhagaa

Exit mobile version