ONM-ABO Caamsaa 7, 2024
Murni gabroofataan afaan qawween uummata bulchaa jiru aangoo daangaa malee itti fayyadamaa jiru tiksuuf lola hin barbaachisne geggeesseen kasaaraa dinagdee isa mudateen tooftaalee adda addaa uumee maallaqa argachuuf hojjechaa jira.
Akka kanaanis hooggantootni bilxiginnaa maallaqa uummataa fi abbootii qabeenyaa irraa funaannachuuf pirojektii Daandii Qulqulluu jedhu uumuun maallaqa funaannachaa jiru. Caasaaleen paartii bilxigginnaa Abiy Ahimadiin durfaman torban kana kutaalee magaalaa Finfinnee fi kutaalee impaayerattii garaagaraa keessatti maqaa daandii qulqulluu jedhu kanaan uummata galii gadaanaa argachuun rakkatuu fi qaala’iinsi jireenyaa dararu dirqama itti gochuun maallaqa rakkoo bajataa isaan mudate ittiin guuttatan funaannachaa jiru.
Akka uummatni dammaqiinsaa fi miiromee itti hirmaatuuf maallaqa abbootiin qabeenyaa hin kafalle kaffalanii jiru jechuun miidiyaan hololchisaa fi waajjiraaleen mootummaa bara dhufaa darbaan baattoo pirojektii paartii impaayerattii bulchu ta’anis impaayerattii keessaa hanga imbaasii alaatti piroppogaandaa bilxiginnaaf galtee ta’uun Daandii Qulqulluutti hirmaataniiru jedhamuun gabaafamaa jiru.
Gochi bilxiginnaan yeroo fedhe pirojektii ‘Gabataa Le Agar, Maad Maaggarraatii fi amma ammoo Daandii Qulqulluu’ jedhu uummata isaaf yaadee osoo hin taane beekamtii siyaasaa fi maallaqa funaannachuuf akka hojjetamaa jiru xiinxaltootni dubbataniiru.

