Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar yeroo itti murni Bilxiginnaa Smart City gooneerra jechuun dhaadachaa jirutti rakkoo daandii fi ibsaa himachaa jiraachuun barame

ONM-ABO Amajjii 16, 2025 

Qondaaltotni  murna Bilxiginnaa hiikaan  saayinsii siyaasaa sobaa fi holola kan itti fakkaatu barcuma aangoo isaanii dheerefachuuf uummata maqaa misoomaan gurra duuchaa kan ture yoo ta’u, namoota dhimmoota hawaasaaf barbaachisoo dursuu qaban tarreessuufiin hawaasaaf akka hojjetamu gaafatan farra misoomaa fi ergamtoota diinaati jechuun miidhaa irraan ga’aa turuun ni beekama.

Haa ta’u malee rakkoon hawaasaa kan Bilxiginnaan deebii ta’a jedhee hojjechaa jiruun furmaata argachaa jira osoo hin taane, rakkoon hawaasichaa bal’achaa jira.

Bifuma kanaan Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaalee bulchiinsa magaalattii adda addaatti uummatni rakkoolee hawaasaa kanneen bu’uura ta’an; daandii keesso Keessoo,  hanqinni dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu fi hanqina tajaajila Elektirikaa daran hamaa keessa jiraachuu jiraattoonni dubbataniiru. 

Bu’uuraalee misoomaaf jedhamee kaffaltiin kaffalluu fi hojiin misoomaa hojjetamu wal hin gitu jechuun saamichi maqaa misoomaan raawwachaa jiraachuu itti dabaluun himaniiru. 

Keessattuu rakkoon daandii keesso keessoo, hanqinni dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu fi ciccituun tajaajila Elektirikaa caalmaatti nutti cime jedhu jiraattonni. 

kutaa magaalaa Sulultaa aanaan Wasarbii waggoottan sadan darbaniif suphaa daandii gaaffachaa turrus baajeta jiru gara waraanaatti deebisuun hanga ammaatti furmaata hin arganne jechuun, jiraattoonni aanaa Wasarbii Zoonii Bariisaa rakkoo daandii keesso keessoo hamaa qabaachuus dubbataniiru.

Ganna raareen, bona ammoo dhukkeen jireenya keenya gagaa’eera jedhu. Daandiin kun saffisaan hin hojjetamu taanaan bobbaanee galuuf baay’ee rakkanna jechuun yaaddoo qaban himaniiru. 

Lakkooftuu Elektirikaa argachuun daran rakkisaadha kan jedhan jiraattonni waggoottan sadan darbaniif  deddeebi’anii waajjira ibsaa gaafatanis lakkooftuu Elektirikaa goonkumaa argachuu akka hin dandeenye kaasu. Handhuura kutaa magaalaa Sulultaa osoo jirruu rakkoo Bu’uura misoomaa hanga kanaaf saaxilamuun keenya qaaniidha jechuun komatu. 

Rakkoodhuma wal fakkaatu akka qaban jiraattoonni kutaa magaalaa Gafarsaa Gujee, Malkaa Noonnoo fi Kuraa Jiddaas rakkoo bu’uuralee misoomaa wal fakkaatu qabaachuu isaanii dubbatu.

Rakkoolee hamaan kun osoo  jiruu nuti guddanneerraan miidiyaa irraa faarsaa kan oolan qondaaltotni Bilxiginnaa, gaafa uummanni rakkoo isaa dhiyeeffatu ammoo waanta kana quba hin qabnu jechuun qondaallonni PP magaalaatti gaaffii fi komii uummataa kanatti qoosaa jiraachuu jiraattotni rakkoon kun irra ga’e addeessaniiru.

Exit mobile version