ONM-ABO Waxabajjii 8, 2025
Murni hidhaa fi ajjeechaa irratti bobba’uun nagaa uummatichaa goolaa oolu Bilxiginnaan bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawwaa keessatti torban kana keessa dargaggoo maqaan isaa Maammad Sheelii jedhamu yakka tokko malee rasaasa itti dhukaasuun madoo ulfaataa garaa isaa irra madeessan jechuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru
Akka maddeen magaalichaa yaada isaanii ONM’f ibsanitti dargaggoon kun siyaasa kam irraa bilisa kan ta’ee fi badii tokkollee kan hin qabne akkasumas hojii dhuunfaa isaa irratti bobba’ee hojjechuun kan of jiraachisu yoo ta’u ‘ergamtoonni sirnichaa garuu ta’e jedhanii itti yaadanii Oromummaa isaa qofaaf yakkuun itti dhukaasuu dubbatu.
Sababuma kana irraan kan ka’e haalli fayyummaa dargaggoo kanaa yeroo ammaa haalaan yaaddessaa ta’ee jira.
Gareen maafiyaa PP Abiy Ahimediin durfamuun magaalaa Dirree Dhawwaa daawwachuun ‘slow motion’iin bashannanaa ture magaalli Dirree Dhawwaa guddachaa jiraachuu akka gaazexeessaatti daandii irra dhaabbatanii ibsanis uummatichi garuu rakkoon bishaan dhugaatii iyyuu osoo hin furamne dararaa argaa jira.
Bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawwaa Kilaastara Assallisoo Araddaa Assallisootti hawaasni bishaan dhugaatii dhabanii halkanii fi guyyaa rakkachaa kan jiran yoo ta’u, barbaacha bishaaniifis jooraa akka oolan odeessi achii nu ga’e ni addeessa.
Rakkoon bishaan dhugaatii araddaa Assallisoo kan mudate osoo Abiy Ahimed magaalichicha hin daawwatin kan ture yoo ta’u, ji’oota sagal lakkoofsisee jira.
Hawaasni araddichaa rakkoon kun akka fala argatuuf qaama dhimmi ilaallatutti irra daddebi’anii iyyatanis hanga ammaatti fala tokko arggachuu hin dandeenye.
Lafti Assallisoo lafa bishaan uuumamaatiin badhaate Dirree Dhawwaa bira darbitee bulchiinsa naannoo Harar bishaan obaasaa kan jirtu taatus, hawaasni naannichaa garuu dararaa argaa jira.

