ONM-AB Ebla 20, 2024
Oromiyaa iddoowwan hedduutti murni bilxiginnaa wal ijaaruun uummata harkaa maallaqa hanga midhaaniitti saamicha irratti raawwachaa jiraachuun isaanii kan beekamuudha.
Guyyoota lamaaf godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii ganda Jimaata Goolaa keessatti hidhattootni baayinaan magaalaa aanichaa irraa gara ganda sanaatti bobbaafaman maallaqa dabalatee dirqamaan mana hawaasaa irra deemuun midhaan hawaasaa saamaa turuu jiraattotni ONM’tti himan.
Hidhattootni kunneen namoota maallaqa hin qabne dirqamaan manatti ol itti seenuun midhaan isaanii jalaa guuraa turuu fi kan hin qabne ammoo hidhuuf namoota hedduu of biratti qabatanii akka turan barameera.
Itti dabaluun akka jiraattotni jedhanitti namoota mana hin jirre kanneen balbala isaanii cufachuun hojiif iddoo adda addaatti imalanii turan illee mana cabsanii jalaa saamaa akka turan dubbatu.
Qabeenya hawaasaa saaman kanas midhaan kuntaala 40 fi maallaqa hedduu konkolaataatti fe’achaa turuus ibsan.
Guyyaa kaleessaa jechuun Ebla 19, 2024 jajjabeen WBO hattoota kana irratti dhukaasa banuun oliif gadi facaasee erga tarkaanfii irratti fudhachuun bakkicha to’ateen booda midhaan hawaasa irraa saamame kanas hawaasa isaaf deebisuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.

