Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii keessatti hidhattootni sirnichaa dargaggoota lama ija hawaasaa duratti ajjeesan

ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024

Ilmi namaa impaayera Itoophiyaa keessatti bakka tokkoo bakka biraatti imaluu kan hin dandeenyee fi loltoota sirnichaan qabamee ajjeechaan irratti geggeeffamaa jira.

Waxabajjii 29, 2024 sa’a 5:00 irratti Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii magaalaa aanichaa Shinoo irraa lafa daqiiqaa 15 hin caalle ganda  Faallee jedhamutti dargaggoota eenyummaan isaanii hin beekamne lama osoo hawaasni ilaaluu magaalaa keessaa baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraataan gandichaa taatee kana ijaan arge ONM’tti himeera.

Akka jiraataan kun jedhetti dargaggoota kana lamaan aanaa Ada’aa Bargaa keessaa guyyaa lamaan dura qabanii fiduun magaalaa Shinootti hidhanii akka turanis ibsa.

Hawaasa gandichaas gadi baasuun kan ilaalchisan yoo ta’u, namni kana booda WBO waliin walitti dhufeenya qabu hundi akkuma kana ta’a, isinis irraa baradhaa jechuun hawaasa doorsiisanii akka deemanis ibsan.

Hanga gabaasni kun qindaa’etti reeffa dargaggoota kanaas akka hin awwaalamne gochuun hawaasa irraa ittisaa turuu ibsuun ajjeechaa kana gaafa raawwatan daa’imman xixxiqqoo ol adeemoo hundi osoo ilaalanii iyyisiisanii maaloo gocha keenya mitii osoo jedhanii rasaasa itti roobsuun akka ajjeesan dabaluun ibseera. 

Ajjeechaan dargaggoota ol adeemoo kana irratti raawwatames hawaasa gandichaa hedduu kan gaddisiisee fi qorqalbii isaaniitti bu’eedha jechuun dabaluun ibseera

Exit mobile version