Afaan Oromoo keessatti jechi faallaa- fallaadaa jedhu jechoota walfakkoo ykn moggoo adda addaatti hiikama. Hirmaata dubbii afaan Oromoo keessatti faallaan dabal-moggaasa (adjective) yoo tawu, amalaa fi maalummaa waan tokkoo ibsa. Faallaan, faallessuun waan dabaa agarsiisa. Muka dabaa, nama jallataa jedhanii tarreessuun ni dandayama. Faallaa ykn dabaa qajeelchuun ni dandayama. Fakkeennaa muka dabaa yookin jalloo qaqanii olee qajeelaa tolfachuun ni dandayama. Oromoon nama daballee gorsee barsiisee qajeelcha. Fallaadaa garuu daba-galchanii qajeelchuun sirumaa hin dandayamu.
Faallaa-fallaadaan afaan Oromoo keessatti jechoota moggoo hedduun hiikama. Jechoonni fugguu, fuggisoo, fonjolissoo kkf hiikama. OPDOn/Biltsiginnaan faallaa-fallaadhaa, fugguu-fuggisoo, jalloo-fonjolissoo jedhanii maalummaa fi uumaa siyaasaa isii ibsuun qajeela. Siyaasaa fi jaarmaya faallaa-fallaadaan, fugguu-fuggisoo fi jalloo-fonjolisoo gorsanii ykn dhidhiibanii qajeelchuun hin dandayamu. OPDO/Biltsiginnaan faallaa-fallaadaa, fugguu-fuggisoo fi jalloo-fonjolisoo yoo jennu akka jaarmaya siyaasaatti ganama fonjolisoo taatee dhalatte jechuu keenna. Jalloo ganama faallaa-fallaadaa deebitee dhalatte tura keessa waldhaananii fayyisuu fi qajeelchuun tasuma waan yaadamuu miti. Jecha biraatiin jaarmaya diinni qabsoo Oromoo ittiin faallessee cabsuuf ijaare deebisaan meeshaa qabsoo Oromoo gochuuf yaaluu ufiin uf-ajjeessuudha. Namootaa fi murnoonni OPDOn/Biltsiginnaan mootummaa Oromooti jedhan saballee ajjeessaa jiran ufillee ufiin galaafataa jiran. Namootaa fi murnoonni akkanaa akka hoolaan guyyaa qalma isii Waaqa agarti jedhan san guyyaa dhumaaletti isaanii uf-arguun hin oolan jenna.
Fugguu-Fuggisoon Nyaaphaa Ni Capha Malee Hin Fayyu; Ni Bada malee Hin Galu
Sabni Oromoo jaarmaya maqaa OPDOtiin Oromoo irratti ijaarame kana dhidhiibee qajeelchuuf waan hin godhin hin qabu. Qeerroo fi Qarreen Oromoo dhiiga isaanii dhangalaasanii lafee isaanii caccabsanii gabrummaa Wayyaanee jalaa baasanii barcumaa aangoo korsiisan. Garuu jalloo-fonjolissoon ynaapaa kun daba-galuu hin dandeenne. Fugguu-fuggisoon kun wareegama ilmaan Oromootiin aangoo yaabbatee yakka waggoota 27 bittaa Wayyaanee keessatti raawwataa ture ardha hallanyummaan hammeessee itti fufee jira. Maaliif OPDOn/Biltsiginnaan ni capha malee hin fayyu, ni bada malee hin galu jenna?
Akkuma impaayerri Itoophiyaa Oromoo balleessee Oromoo irratti ijaarame OPDOn/Biltsiginnaan Oromoo fi ABO balleessuuf Oromoo irratti ijaarame. OPDOn ganamuma fugguu-fuggisoo deebifamee gadaamessaa fi gudeeda nyaapha gita-bittuu Tigraay keessatti guduumfame. Shaabiyyaa fi Wayyaaneen bara 1980ta keessa booji’amaa waraanaa (POW) walitti guuranii DADDABI-Tigraay keessatti dhandoonan. OPDOn hennaa biyya nyaaphaa keessatti ijaaramu muldhataa fi sagantaa siyaasaa mataa isaa hin qabu ture. Muldhataa fi sagantaa siyaasaa TPLF gara afaan Oromootti turjumaananii itti kennan. OPDOn hanga gaafa Chaarteraatti Qubee afaan Oromootiin barreessuu lagatee Fidala warra Saabaatiin barreessaa ture. OPDOn hanga gaafa funnyaan qabamee qubee Afaan Oromoo waga’ametti Fidala Warra Saabaa gangalchaa baye. Jaarmayaan fuggisoon gabeelchaa nyaaphaa kun hanga ardhaatti dhimma Oromoo ni lagata ykn akkumaa uumama isaa fonjolissoo deebisa.
OPDOn/Biltsiginnaan Dhiiga Ilmaan Oromoo Laaqqatee Harkarraa Qabdi
OPDOn/Biltsiginnaan sababiin caphuu malee qajeeluu hin dandeenneef ganamuma muldhata, imaammataa fi karoora amajjaajii Oromoo galmaan gawuuf ijaaramuu callaa miti. Waggoota 27 bittaa mootummaa Tigraay jalatti dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa turte; kumootaan ajjeesee ajjeesisee, dhibbootaan dhabamsisiise, jumlaan fixee ficcisiise. Dhiigni ilmaan Oromoo kan jiraa dhabamsiisee fi ajjeesee ajjeesisiise boola keessaa itti iyyaa jira.
OPDOn kaleessaa Biltsiginnaan ardhaa waggoota jahan dabran yakka hiriyaa hin qabne ilmaan Oromoo fi Oromiyaa irratti raawwate; ammallee hammeessitee itti jirati. Ilmaan Oromoo maqaa Shanee jedhu itti moggaastee dhuumfaa fi jumlaan qalee qalchiisaa oolti. Biltsiginnaan yakka sanyii duguuggaa, yakka waraanaatii fi mirga-dhalanamoomaa saba Oromoo irratti raawwatee jirti. Biltsiginnaa duruunaa fi xayyaaraan ilmaan Oromoo fixuu bira luftee murna maqaa Faa@nnoo jedhuun leenjisee, hidhachiisee ilmaan Oromoo morma mursiisaa jirti. Kanaafuu faallaa fallaadaan dhiiga ilmaan Oromoo dhugee jiraatuu fi lafee ilmaan Oromoo qurxumsee sooratu kana mucuceessanii awwaaluu malee qajeelchuun tasuma hin dandayamu.
Ilaalchaa fi Gocha Faallaa-Fallaadhaa Fuggisoo PP
Hayyuun og-barruu biyya Ingiliizii maqaa George Orwelliin (1984 bekamu asoosa Orruu Beeyladaa yookin Orruu Bineeyyii/Animal Farm jedhu keessatti gochaa fi ilaalchaa faallaa-fallaadoo abbootii irree saaxilee ture. Asoosama kana keessatti gochaa fi ilaalcha fugguu-foggisoo saaxiluu bira lufee itti baace; qishnanaan amalaa fi gocha fokkisaa abbootii irree cabse. Mootummaan abbaa-irree ol’aantummaa isaa tiiksuuf ummata sammuu xaxee, joonjessee tooyachuu akka dhagaan dhadha, dhugaan dhadhaa, dharti ammoo dhuga, dhugaan ammoo dhara jedhee amanee dunuunfatee fudhatu godha. Asoosamni George Orwell kun hundumaa caalaa amalaa fi ilaalchaa faallaa fallaadaa gartuu PP ibsa. Bilstiginnaan ummata Oromoo joonjessee fi bijaanjileessee tooyachuuf gochaa fi ilaalcha fugguu-fuggesoo walfaanaa diraamaa dharaatii fi olola burjaajessaa fi dogoggorsatti gargaarama. Ilaalchaa fi gocha faallaa fallaadhaa Biltsiginnaa akka armaa gadiitti cuunfuun ni dandayama:
- Lola Jechuun Nagaya jechuudha: Ilaalchaa fi gochaan PP jalloo-fonjolissoo dha. PP waan hundaa miila dhiisee mataan dhaaba. Gochaa fi sammuu PP keessatti nagaya waaraa jechuun waraana walirraa hin citne jechuudha. Akkuma nyaara haadatee dhagaan dhadha, hiyyummaan badhaadhina jedhu waraanni nagaya jedhee ija sooqiddaan dhiqatee kijiba. Gochaa fi ilaalcha PP keessatti nageenni ibidda waraanaa keessaa dhufa; faallaa-fallaadaa kana ammoo ummanni akka dunuufatee fudhatu sammuu isaa miicee micciira. Lolli nagaya jedhee fudhachiisuu bira darbee lammii gochaa fi sammuun fallaadaye uumaa jira.
- Bilisummaan Gabrummaadha: Gochaa fi ilaalcha PP keessatti bilisumma jechuun gabrumma jechuudha. Jecha biraatiin PP garbicha gabrummaan bilisummaa jedhee amanu uumuudha. PPn akka ummanni baldhaan dunuunfatee olola PP gaafii tokko malee fudhatu burjaajessa. Bittaa PP jalatti sammuu walabaan qeeqa dhiyeessuun yakka hiriyaa hin qabne; kanaafuu bilisumma jechuun afaan cuqqalatanii gurra cufatanii olola PP dunuunfatanii waga’amu jechuudha. Jecha biraatiin bilisummaatuu gabrummaa, garummatuu bilisummaadha. Baruma amma keessa jirru kana keessa mootiin PP ummata Naqamtee humnaan walitti qabee ardharraa jalqabee gaafii bilisummaa fi afaan Oromoo gaafachuu hin qabdan; waan bilisoomtaniif ammaa achi waayee misoominaa fi tokkummaa Itoophiyaa malee gaafii mirgaa gaafachuun dhiisaa jedhe. Dubbiin mooticha PP kun gochaa fi amala fuggisuu pptiif fakkeenna duraati.
- Wallaalummaa ykn dhoofummaan Jabina-Mootummaan PP sagalee walootii fi dhuumfaa ukkaamsee dhoofummaa fi wallaalummaa dagaagsaa jira. Sagalee dogoggora sirreessituu fi qeeqa ijaaraa dhiyeessitu dhageessisuun tasuma bittaa PP jalatti hin dandayamu. Mormitoota alaa dhiisii miseensotaa fi qondaalotni paartii PP keessa jiran dunuunfatanii yoo mooticha faarsan malee qeeqa ijaaraa dhiyeessuun yakka hidhaa fi du’aan nama adabsiisu. Akkaataan Taayyee Danda’aa zabxiyyaa itti buusan dhugaa kanaaf fakkeenna gaariidha. Taayyee Danda’aa osoo Qeerroo fi Qarree Oromoo anaannatee abaaruu fi mooticha PP fuuraa duguuggatee faarsu guyyaa tokko arrabni isaa mucucaatee yoo qeeqa darbatu wankii buusan. Carraan miseensotaa fi qondaalota quuqama saba isaanii qaban eeggatu ka obboo Taayyee kanaan addaa miti. Billawaan fuggisoo keesaa fi alallee bitaa fi mirgatti mura. Abbaan irree diina malee fira dhaabbataa hin qabu wanni jedhamuuf kanuma.
- Bittaa garee PP jalatti hiyyummaa fi beelli quufaa fi badhaadhina: Hennaa ammaa tana imaayerri Biltsiginnaa hobomboleettii warraaqsaatiin raafamaa fi jeeqama waliigalaa keessa jira. Yeroo ammaa jireenni qaalayee ummanni waan nyaatu dhabee Biltsiginnaa nyaatuuf amoommataa jira. Mana barnootaa keessatti barsiisonni bakka bulan dhabanii barattoota isaanii wajjiin doormii bulu; waan nyaatan dhabanii gandarra deemanii raafuu fi buuqqataa funaannatu. Raayyaan lammii hujii hin qabnee nama maqaaf hojjatee bulaa jedhamuu dachaa hedduun caala. PPn garuu callaan qamadii gumbii guutee nurraa hafee biyya alaatti ergaa jirra jedhee ija sooqiddaan dhaqatee kijiba. Garee badee-balleessaan kun urga aangoo sabaa butatee aangoo qabate irraa kaasee ibidda waraanaatiin biyyaa fi ummata cunqurfamaa barbadeessuu malee dalagaa biraa hin qabu. Sababii lola walirraa hincitne kan PPn labsuun ummanni miliyoonatti lakaawamu manaa fi qe’ee isaa irraa buqqa’ee beelaa fi dhukkubaaf saaxilamee jira. PP qabeenna ummataa saamee daadhii habbuuqqatuu cooma muratu biratti hiyyummaa fi beelli badhaadhinna. Gochi, amalaa fi ilaalchi OPDO/PP faallaa-fallaadaa, fugguu-fuggisoo fi jalloo-fonjolissoo wanni jennuuf ragaan kanaa olii hinjiru. Beelli bara Biltsiginnaa beela bara mootii Haila Sillaasee nu yaadachiisa. Italalti Haila Sillaasee intal-giiftiin, Tanaanyi Worqi bara ummanni Oromoo Walloo beelaan dhume akkana jette jedhan: Wallo beelaan dhumaa jira jennaan maaliif daabboo hinyaanne ree? Jette jedhan. Seenaan fonjolissoo PP kan abbootii isaa ykn nugosootaatiin walfakkaata.
- PP biratti diraamaan dharaa dhugaadha, dhugaan ammoo dhara: Gareen PP kijibaa fi diraamaa dharaatiin dhalatee dheengi’ame. Lubbuun siyaasaa isaa dhugaa osoo hintayin diraamaa dharaa garagaggalchuu fi olola duwwaan ummata burjaajessuu irratti rarraati. PPn yoo diraamaa fakkeessaa fi akkeessaa bukeessee fi kiyyoo basaasaa guduumfe malee dhugaa dubbatee jiraachuu hin dandawu. Keessattuu yeroo ammaa tana gareen kun yoomuu caalaa ummata keessaa tufamee bonqoqa keessaa bawuu hin dandeennetti dhidhimaa jira; ABO-WBOf haa toltuu umriin aangoo sirnichaa gabaabbataa jira. Hennaa ammaa impaayerri bututaan haleellaa ABO-WBOtiin reeqqisuu fi raafamuu bira lufee fincila ummataa dorrobee dhaluuf ciniinsifataa jira. PPn hennaa ammaa boolla buutee awwaalamuu irraa uf-hambisuu fincila ummataa hanqisuu maraataa jirti. Dhugaa waggota jahan dabran keessatti dhoksuu hin dandayin torbaan kana keessa haguuguuf sareeganaa jirti. Basaasota yeroo dheeraa ABO-WBO keessatti habaqaaltee riphisiifte walitti funaantee maqaa ABO-WBOtin waliigaltee nagayaa mallatteessine jettee ummata joonjessuu yaalti. PPn ummata Oromootii fi ummata addunyaa sabuu fi bijaanjileessuuf mannaagdi. Garuu diraamaa fi kaartaan dharaa osoo uguruu hin siqin harkatti gubate; fashale.
Gochaa fi ilaalcha fallaadaa kanaan gargaaramee lola dhaabbataa aadaa siyaasaa gochuuf mannaaga. Sammuu ummataa burjaajessee waraanni nagaya jechisiisee lola dhaabbataa ammoo gara lola laddayaa ykn dalgaatti jijjiiree ummata walficcisiisuuf raatayaa jira. Erga ummata walitti garagalchee walnyaachiseen booda ammoo jaarsa araaraa uf-fakkeessee gidduu kachachaluu barbaada. Ajjechaa fi shirri abaaramaan yeroo adda addaa ummattoota walitti buusuuf raawwatu ragaa dhaabbataadha.
Diraamaan PP akka quummanaa fi gadi-galoo ufirra fincaayaa, ajaayaa deemaa jira. Akkuma umriin siyaasaa isii gabaabbataa deemuun diraamaa fi agarsiifni dharaa isumatti gargalee isii saaxilaa jira. Ammaa achi barri PPn ummata itti burjaajessitu raawwataa jira; ammaa achi sadarkaa nama biraa sobdu bira dabartee uf-jaanjessutti seenuu isiittuu muldha. PPn ammaa achi dhugaa qabatamaa lafarra jiru diraamaa qullaatiin, olola dharaatii fi hantuuta basaasaatiin jijjiiruu hin dandeettu.
Gochaan Fallaadaa fi Diraamaan Dharaa Umrii PP Gabaabsa Malee Hin dheeressu;
Diraamaan dharaa Qabsoo Bilisummaa Saba Oromootii fi Walabummaa Oromiyaa Ni Shaffisiisa Malee Hin Gufachiisu
Maadheen Basaasaa ABO-WBO Keessaa Buqqa’ee Holqa isaatti Galuun WBO fi Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Ni Qulqulleessa Malee Hin Laaffisu
With the pen 🖊 Jaal Karoorsaa Bosonaa and Jaal Jemal Bedada

