Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qooda Jaarmaya Sii(n)qee Oromoo Maalummaa Siinqee fi jaarmaya Siinqee dubartii Oromoo irratti namoonni adda addaa hubannoo adda addaa qabu

Dooyaa Gulaalaa Bakkalcha Oromiyaa Lakk. 4

Maddi barruu kanaa irra caalaan afoolaa Oromooti Qabsoo Bilisummaa Ummata Oromootii fi Walabummaa Oromiyaa Keessatti Qooda Dubartii OromooGadaa fi Qooda Jaarmaya Sii(n)qee Oromoo Maalummaa Siinqee fi jaarmaya Siinqee dubartii Oromoo irratti namoonni adda addaa hubannoo adda addaa qabu. Yaada waan garaagarummaa qabu fakkaatuu, garuu qabiyyee tokkotti cuumfamu kana wal-duraa boodaan dhaleessina. Toorri yaada jalqabaa Siinqeen ulee muka jabaa harooressaa fi ejersaa irraa tolfamtu kan jedhu. Siinqeen muka jajjabaa irraa tolfamuu dhugaada. Garuu maalummaan siinqee kana qofaa osoo hin tayin ulee dubartii Oromoo maalummaa isii ittiin ibsitu. Siinqeen meeshaa fuudhaa-heerumaa waan taateef mallattoo gaa’ilaati jechuun ni dandayama. Intalti heerumaaf ayyaana eeggatu guyyaa idaayyummaa isii haadha isii irraa siinqee jiruu-jireennaa fudhatti. Siinqeen mallattoo eennummaa dubartii Oromooti fi mallattoo bareedumaati. Kanaafuu dubartiin Oromoo bareedumaa fi faayummaa siinqee faaruu adda addaatiin ibsiti. Siinqeen akkuma luba Sirna Gadaa keessatti dabballee fi gaammee dabballee qoratu siinqellee gaammee fi dabballee itti qoranii dabballeesan. Tanaaf jecha siinqeen dabballittii fi qaldhoo halalee jedhamtee faarfamti.

Siinqeen mallattoo walii-tumsaa fi wliif birmannaa ganyaa Oromooti. Aadaa Oromoo keessatti yoo dubartii roorrifamtuu ykn safuu fi seerri ambaa caphu dubartiin Oromoo siinqee isii qabattee ililfattee iyyitee iyya dabarfati. Hennaa dubartiin Oromoo iyyitee iyya dabarsitu dubartii hundumtuu siinqee ufii fudhattee ililfachuu fi malkatti bawuun awwaatti. Dubartiin hundumtuu waamicha haadha siinqee simattee malkatti bawuun mirga qofaa osoo hin tayin dirqama dubartummaatii fi dhalootaati. Dubartii waamicha haadha siinqee fudhachuu diddee malkaa irraa haftu wixii itti muranii adaban.
Siinqeen mirga dubbartii Oromoo mallatteessiti. Akka nanmi tokko tokko jedhu siinqeen muka qofaa miti. Siinqeen humna sammuu fi siyaasaa (spiritual & political power) dubartii Oromoo agarsiifti. Siinqee duuba dubartii saba Oromoo keessaa walkkatti herregamtu jira. Siinqee kabaju jechuun mirgaa fi walqixxummaa dubartii Oromuu kabaju jechuudha; jecha biraatiin siinqee dubartii Oromoo xiqqeessu jechuun mirgaa fi kabajaa dubartii Oromoo xiqqeessu jechuudha.

Siinqeen jaarmaya walaannaa Gadaati (faallaa bokkuu qonyittiiti). Sirna Gadaa keessatti siinqeen walaannaa ykn masaanuu Gadaa jallattee ykn qonyonyaayeeti. Sirna Gadaa jalatti heeraa fi seera ambaa jallisuun dhorgaa callaa osoo hintayin safuu cabsuudha. Hennaa bokkuun jallatee mirgi dubartii sarbame dubartiin bokkuu jallataa bokkuu qonyittii jettee abaarti. Bokkuu qonyittii jechuun bokkuu dabduu ykn jalloo jechuudha. Sirni Gadaa dimokiraatawaa hiriyyaa hin qabne ulaagaalee jechisiisan keessaa kan dura jaarmayaan siinqee jiraachuudha. Jaarmayaan siinqee walaannaa sirna Gadaa tawuun akka madaalli sirnaa (check and balance) jiraatuu godhuu keessatti qooda guddaa gumaachiti. Osoo jaarmayaan siinqee jiraachuu baatee sirnicha ugguruu fi walmadaalchisuun hin yaadamu ture.

Siinqeen meeshaa qabsoo dubartii Oromootii fi waraanaa-wantee lola nagayaati. Humnoota ykn gosoota Oromoo lamaam jiddutti yoo lolli banamee siinqeen jaarsa araaraa hinbaabsii taatee araarsiti. Aadaa Oromoo keessatti humnoonni lamaan wal-lolan siinqee irra tarkaanfatanii lola itti fufuun safuu fi seera Waaqaa cabsuudha. Siinqeen araarsituun dubartoota maqaa siinqeetiin Biltsiginnaan bitee ergatu jechuu akka hin tayin jala-sararuun barbaachisaadha. Erga sirni Gadaa diigame sirna kiyyoo-gabrummaa Habashaa jalatti kufe irraa kaasee hanga ardhaatti sirni Gadaatii fi jaarmayaan siinqee hinjiru. Caasaan yeroo ammaa PPn maqaa abbootii Gadaatii fi Haadha Siinqeetiin bixxiilee jaarmaya Nugusa haarawaati. Siinqee Oromoo fi Gadaa bakka hin bu’u.

Siinqeen meeshaa amantii fi kadhaa Waaqaati. Siinqeen meeshaa ateetee keessaa takka jechuun ni dandayama. Jecha biraatiin siinqeen Ateetee Oromoo taadhessituudha. Dubartiin Oromoo dubartiin ilmoo dhabde siinqee itti kabanii gadaamessaa fi duy’da goggoge jiisanii ilmoon qananiisan. Nama dhiisii Waaqnis kadhaa Siinqee jalaa uwwaata.

Sirna Gadaa Keessatti Qooda Siinqee Sirna Gadaa keessatti caasaan siyaasaa-waraanaa dubartii alatti hambisuun dhugaadha. Akka hayyuun Demokiraasii Gadaa Oromoo Asmarom Legesse (2006: 256) jedhutti irdhinni ykn mudaan guddaan Demokiraasii Oromoo dubartii ijaarsa Gadaa keessaa fi hoggana siyaasaa keessaa alatti hambisuudha. Garuu sirni Gadaa dubartii qoodaa fi mirga dhabsiisa jechuu miti. Sirna Gadaa keessatti seerri ilma-namaa dhiisii seerri bineensa bosonaatii fi beeyladaa cunqursuu fi fanfansuu hinjiru. Kanaafuu hayyoonni kaayoo Gadaa Oromoo «maayyiin seeraa, seera sareeti» jedhu. Sirna kana keessatti ilmoo namaa dhiisii saree ufii xiqqeessanuu beelessuun nama adabsiisa. Caasaan siyaasaa waraanaa keessatti dubartiin qaamaan luba Gadaa keessatti hirmaachuu baattus mana keessatti aangoo murteessaa maatii taliguu fi diinaggee horachuu keessatti qooda murteessaa qabdi.

Abbaa-Gadaa jabaa duuba dubartii jabdu jira; abbaan Gadaa haadha warraa rakoo hin qabne uf-jalaa qabu ulaagaa filannoo luba Gadaa hin guutu.
Dubartiin gulantaalee Gadaa keessatti hin dhalattuu; itti fuudhan; itti heerumti. Akkuma asii olitti tuttuquun yaalame dubartii akka dhiiraatti luba Gadaa keessatti hin muldhatu; dubartiin gulantaalee Gadaa keessatti hin dhalatu itti heerumti malee sababiin jedhamuuf kana. Jecha biraatiin Sirna Gadaa keessatti daangaa ykn laga dhiiraa fi dubartii qaxxaamuruun hooda. Sirna Gadaa keessatti dubartiin akka alagaatti laalamuun qaama laafaa sirna Gadaa tawuu quudhuu fi fala itti barbaaduun barbaachisaadha. Haa tawu malee akka demokiraasii warra Girikootaa garba gurguruu fi dubartii fanfansuun akka hin jirre hubatamuu qaba. Ardhallee sirni demokiraasii addunyaa irratti jajamu walqixxummaa dhiiraa fi dubartii hin mirkaneessine; ardhallee dubartiin cunqursaa dachaa jala jirti. Fakkeennaaf biyya Ameerikaa keessatti hanga ardhaatti dubartiin aangoo presidaantuummaa irratti hin filamne. Seenaan Hellary Clintonii fi Kamaalaa Haaris ardhallee dimokiraasii Amerikaa keessatti walqixxummaan dabartii hin kabajamne nama jechisiisa.

Dubartoonni lamaanuu aangoo presidaantummaan dorgomanii akka maletti kufan.

Aadaa Oromoo keessatti dubartiin muka laaftuu jedhamtee waan yaadamtuuf fayyaalettii fi nagaya jaalattuudha. Sababii kanaaf dubartiin hawaasa Oromoo keessatti araarsituu fi manguddoo kontomaa jedhamti. Wayyooma siinqee irra tarkaanfatanii walwaraansa itti fufuun safuu Oromoo cabsuudha. Siinqeen araarsitu jechuun amba wal-lolu araarsiti malee nyaaphaa fi amba walitti araarsiti jechuu miti. Hennaa ammaa tana mootummaan impaayera Itoophiyaa maqaa haadha siinqeetiin dubartoota takka takka durgoon bitee siinqee harka kaayee Shanee galchaa jedhee bobbaasa. Hujiin cubbamaan akkanaa qooda dubartii Oromootii fi shora jaarmaya siinqeetii miti.

Siinqeen jaarmaya lubaa keessatti qooda walaannummaa gumaachiti. Sirnicha keessatti akka dhugaa jallattee cubbuun hinmooyanne madaala tiiksiti. Kanaafuu jaarmayaan siinqee akka madaalli jallatee gama tokkotti hin conqolaane waardiyyeessiti (check and balance mechanism) eegdi jechuudha.

Siinqeen tiiksee Seera Waaqaatii fi safuuti (cosmic order). Siinqeen akka yaayyaan shanan addunyaa Oromoo hinjallanne madaalli uumamaa akka hin faallofne tiiksiti. Yaayyaan Oromoo bakka shanitti qoodama: seera namaa, seeraa sa’aa, seera karaabichaa ykn kotte-duudaa, seera urjii fi seera aloo-aloolaa (ecology)ti. Aadaa Oromootii fi sirna Gadaa keessatti uumaan Waaqaa hundumtuu seera qaba.

Siinqeen madaala uumamaa tiiksiti jechuun seerri Waaqaa fi dhugaan jallatee akka cubbuun hin moone eegdi jechuu dha.
Dubartiin Oromoo ateetee facaafachuu fi faarfachuuf, oorrutti jiga baafachuuf siinqetti gargaaramti. Akkuma asii olitti babbay’suu yaalle ayyaana dubartii Oromoo ykn Ateetee fi siinqee gargar baasanii hubachuun hin dandayamu. Dubartiin Oromoo yoo seerri jallatee dubartiin roorrifamtuu fi miidhamtu siinqee isii guurattee malkatti baati. Mormiin kunis Ateetee Malkaa jedhamee moggaafama.

Siinqeen taadhessituu (fecundity), kadhatanii ilmoo argachuuf nama gargaarti. Ganyaan Oromoo yoo dubartiin takka ilmoo dhabde lagatti bayee Waaqa kadhata. Waaqni kadhaa siinqee dubartii Oromoo jalaa uwwaatee dhabduu ilmaan badhaasa jedhamee amanama.

Siinqeen bakka awwaalaa fi gaddaa ni lagatti. Dubartiin Oromoo siinqee qabattee bakka gufufaa fi awwaalaa dhaquun laguudha.
Kallattii ykn Fuula Qabsoo Siinqee Dubartii Oromoo
Seenaa Oromoo keessatti Siinqeen dubartii Oromoo fincila diddaa cunqursaa wirtuu sadihii qabu geggeessuun beekkamti. Kallattii fincila diddaa hacuuccaa duraa Siinqee murmaa-loolloo sa’aa nama keessaa baafti (exorcization of evil spirit). Loolloo jechuun aadaa Oromoo keessatti farroo dhukkuba, lolaa, qorsaa fi falfalati. Dubartiin Oromoo siinqee qabattee qorsaa fi falfala barcumaa fi booroo mana Oromoo keessaa baafte biyya Habshaa-Abbaa-barcumitti galchiti. Marga goggogaa fi abutaashee gurtee qilee ykn baamaa jeefa hin qabnetti darbitee uf-darbitee biraa baqatti. Aadaan kun aadaa Ateetee murmaa jedhama.
Fuulli qabsoo lammeessoo Ateetee Mormaa jedhama. Siinqee mormaa- Dubartiin yoo Seerri Waaqaatii fi Safuun caphe roorroo dura dhaabachuu, mormuu fi finciluuf itti gargaaramti. Sirna Gadaa keessatti dubartii deettee qanafaa gadi-hindeeffatin dhaanuun ykn miidhuun dhorgaa callaa osoo hintayin seeraa fi safuu Waaqaa cabsuudha. Hennaa dubartiin ilmoo argattee deettee ulmaa ciiftuu fi qanafaa addarraa qabdu abbaan warraa itti roorrise dubartiin ambaa mormattee malkatti baati. Hanga namtichi yakka raawwate ciisee hoffoltii hin gaafatinitti dubartiin malkaa manatti hin galtu; dirqama maatii tajaaluu fi nyaata dhiyeessuu lagati. Hennaa dubartiin malkatti baatee manatti deebi’uu diddu gurbaan yakka hojjate mangudduu ergatee araaraa fi hoffoltii kadhata. Hanga namtich haadha warraatti roorrise hoffoltii gaafatee araarri bu’utti dubartiin gamtaan nama yakka hojjate san ni xiqqeessiti; ni abaarti. Erga dubbiin manguddummaan dhumtee fi araarri bu’een booda dubartiin akkuma duraan faaruun abaartuu fi xiqqeessitu faarsuu fi eebbisuutti ceeti. Kallattiin qabsoo sadeesso Siinqee malkaa jedhama. Ateeteen Malkaa walumaagalatti yoo seerrii fi safuun jallate dubartiin Oromoo mana ufii cuftee Malkaa beekkamatti ykn Gaaddisa Odaa jalatti godaanti. Kanaafuu Siinqeen meeshaa dubartiin Oromoo mirga ufii ittiin falmattu jedhama.

Sirna Gadaa Jalatti Mirgi Dubartiin Qabeenna Horachuu Tiikfamaadha
Sirna Gadaa jalatti lafti kennaa Waaqaati. Jecha biraatiin lafti qabeenna handhuuraa nama dhuumfaatii miti jechuudha. Sirna Gadaa keessatti qabeenna uumaa lafti dugdaa fi garaa keessatti baadhattu lafas dabaletee qabeenna waloo (baleecha) Saba Oromooti. Dubartiin Oromollee akkuma lammii sabaa kamuu qabeennaa lafaa horachuuf mirga guutuu qabdi. Mirga qabeenna lafaa horachuu irratti dabalee qabeenna dhaabbataa manaa fi hardaaga godhachuu seeraan eeggamaadha. Kanaaf jecha Oromoota horii horsiisanii fi Gadaa godaansaa irratti hundaayan keessatti manaa fi mooraa loowwanii ijaaruun dirqama dubartii Oromoo tayee agarra.
Sirna Gadaa Jalatti mirga Heefummaa fi Taadhessitummaa Kabajamaadha (sexuality and fertility) Sirna Gadaa keessa seerri walhiikuu hin jiru; dhiiraa fi dubartiin jireenna isaanii guutuu walfuudhanii jiraatu.

Dubartiin mirga gaarayyuu ykn sanyoo baafachuu qabdi (institutionalized adultery). Oromoon akka warra Awuroophaa qaama dubartii hin hodhu ykn hin qollofu (chastity belt) itti hin hidhu. Dubartiin qunnamtii saalaa gochuuf mirga uumamaa qabaachuun sirna Gadaa jalatti seeraan beekamaadha. Dhiirti dubartii heddu fuutee ijoollee horachuuf mirga qabdi (polygyny). Dubartiin dhabduun ilma guddifachuuf mirga qabdi.
Sirna Gadaa Jalatti Dubartiin Mirga Hawaasummaa Falmachuuf Mirga Hin Dachaafamne Qabdi Siinqeen yoo Seerri Waaqaatii fi safuun sabaa caphu abaarsaan adabdi ykn sodaachiftee bakkatti deebifti. Iyyitee-iyya dabarsiti: intala aayyaa dhageettee? Oduun si geettee? Jettee baanatti ykn faarfatti. Kanaafuu mirga dubartii Oromoo cabsuun akka siinqee cabsuutti fudhatama. Mirga dubartii cabsuun siinqee cabsuudha; siinqee cabsuun ammoo dubartii ajjeessuudha. Iddoo tokko tokkotti dubartiin Oromoo Malkatti baatee mirga isii falmatti; roorroo diddi; iddo tokko tokkotti ammoo muka Qilxuu jalatti godaantee manatti galuu diddi. Dubartiin filannoo hayyuu Gadaa fahalsiisuu irratti qooda hin tuffatame qabdi. Hayyuu Seera Waaqaa fi safuu cabse akka hin filamne gooti; arabsiti xiqqeessitee namaa-gadi gooti. Fakkeennaaf hayyuu haadha warra isaa irratti roorrise walaloo armaa gadiitiin xiqqeessiti.
Sangaan maraaree kute;
Gurbaan maraatee dute;
Maxaanxee kute. (maxaanxeen hidhata dhiiraati= maraatee uccuu gate jechu.)

Barruu itti aanu keessatti Fincilaa fi Diddaa Gabrummaa Keessatti Qooda Dubartii Oromoo barreessina

Qabsoo Bilisummaa Oromiyaatii Fi Walabummaa Oromiyaa keessatti qoodni dubartii Oromoo Murteessaadha.

With the  pen 🖊  Jaal Karoorsaa Bosonaa and Jaal Jemal Bedada

Exit mobile version