Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Jaarmayaaf Qabsoo, Qabsoodhaaf Jaarmaya 

SEENSA

Akeekni barruu kanaa barbaachisummaa fi murteessummaa jaarmaya qabsoo irratti marii bilchaataa geggeessuu aggaammata. ABO-WBOn gaaffii jaarmaya bilisummaatii fi walabummaa Oromiyaa dirree Oromiyaa keessatti tarkaanfii muldhataan deebii kennaa jiraachuu diinnis, firris tolchee beeka. Haa tawu malee, jaarmaya ABO-WBO daranuu jabeessuu fi dagaagsuun ardhallee gaaffii belbeltuudha. Akeekni galmee kanaa, qabsoo bilisummaa Oromoo-f godhamu, sochii dingatee irraa gara sochii dammaqoo, sochii dheedhii irraa gara sochii bilchoo-tti jijjiiruuf waan aggaammatameef, dhimma jaarmayaa irratti marii sirnaawaa-qoratamaa fi sona-qabeessa geggeessuun ardhallee hin barfanne. Barruun tun qabiyyeenis ta’ee bifa isaatiin, galmeewwan hanga ammaa qamashaman irraa kan addaa ti. Jabina hanga ammaa qabnu kuufannee humna haarawa horachuuf dhimma jaarmayaa fi tokkummaa Oromoo irratti mariyachuu fi “walii-galanii alaa galuun,” ardhallee ajandaa oo’aadha. Akeekni hundee ajandaa dhimma jaarmayaa yayyabuun qaanqee marii qabsiisuu fi hayyootaa fi beektota siyaasaa duchiisuudha.  Dhokatanii olola hundee hin qabne walirratti oofuu fi walhamachuu mannaa basaqqeessatti walmormuu fi karaa qajeelaa irratti waldeebisuu filatama. Yaada gabbisas tayee qeeqa ijaaraa yoo qabaattan Arraata-Biyyoolessaa daandii Bakkalcha Oromiyaa irratti nu qunnamuu hin dagatinaa jenna. Akeekni hundee barruu tanaa sammuu gabroomte walaboomsuu qabsoo kallachuumaa fi gaachanummaa ABO-WBOn hogganamu cimsuudha. 

Fedhii fi qabsoon ummata Oromoo, kiyyoo gabrummaa cabsee bilisoomuu fi walaboomuu dha.  Kiyyoo-gabrummaa cabsuu fi bilisoomuun ammoo, akka seenaan ummata Oromoo fi haalli qabatamaan ragaa bahutti, sochii ijaaramaa fi qindaawaa gaafata. Sochiin caasaa jaarmayaa tiin hin utubamin uguruu ga’uu hin dana’u . Sochiin of jiraachisanii diina dhabamsiisuu, sabboonummaa dheedhii (national sentiment) irraa gara sabbonummaa dammaqoo-tti (conscious national movement) geeddaramuu qaba.  Kiyyoo gabrummaa bifa hundaanuu cabsinee ummata bilisaan biyya walabaa keessatti mootummaa birmaduu dimokraatawaa Oromiyaa ijaaruuf, bifa haarawaan akka of ijaarree kaanu seenaa fi haalli qabatamaan nu gaafataa jira. Kallachaa fi gaachana ummata Oromoo, ABO-WBO daranuu dagaagsuu fi garbaabsuuf “akkamitti of ijaarra?”  gaafiin jedhu yeroo ammaa  alaa fi biyya keessattis bal’inaan dhagayama.  Galmeen kun, gaaffii jarjarsaa kanaaf deebii gulantaa tokkoo-ffaati jennee amana.

Qabsoo bilisummaa ummataa fi walabummaa biyyaa bakka itti kufte irraa kaasuuf, gaaffii “jaarmaya jechuun maal jechuudha?”,  “akkamitti of-ijaarra?”, “eennu ijaarraa?”, “maaliif of ijaarra?”, “eessatti of ijaarra?”, “yoom of ijaarra?” gaaffiiwwan jedhan bilchinnaa fi sonaan deebisuun barbaachisaa dha.

  1. Jaarmaya jechuun maal jechuu dha?

 Gaaffiin jaarmaya walabummaa ar’alleee akkuma kaleessaa sarda fi belbelaa dha.  Gaaffiin  “Oromoon kumaatama-tti lakkaawamu ardhallee maal dhabee bilisummaa fi walabummaa dhabe”jedhu yoo ka’u, gaaffiin maalummaa fi barbaachisummaa jaarmaya bilisummaa wal faana ka’a.  Ar’allee akkuma kaleessaa irraa deebinee gaaffii kana of gaafannee jaarmayaan, hojjaan akkasumas tarkaanfii mul’ataan deebisuu qabna.

 Akka ogeeyyonni ijaarsaa jedhanitti,  jaarmaya  jechuun meeshaa fi humna namaa walitti qindeessanii kayyoo tokkoof ykn akkeeka tokkoof sirnaan sochoosuu dha.  Jecha biraatiin jaarmaya jechuun sirnaa fi tokkummaadha. Namoonni tokko tokko akka herreganitti,  jaarmaya jechuun meeshaa walitti qindeessuu callaa fakkaata.  Akka nu jennutti fi amanutti garuu,  meeshaa dhuwwaa walitti guuruun jaarmaya ijaaruu osoo hin ta’in,  kolkolee fi konkaa keessi qullaa walitti guuruu dha.  Dhugaadha, meeshaa walitti qindeessuun, dalagaa jaarmayaa keessaa tokko  ta’uullee,  mataa isaatti jaarmaya ta’uu hin danda’u.  Lola tokko injifachuuf,  meeshaa waraanaa walitti guuruun qofti murteessaa miti.  Seenaa ilma namaa keessatti, “meeshaa waraanaa walitti guurree injifanna”  humnoonni jedhan osomaa konkaa fi kolkolee qullaa walitti guuran, wajjiin caccabanii unkutaayan. Qawween kaayoo malee baadhatan yeroon isaanumatti gargalee isaan balleessuu seenaan fakkeennaan guutuudha.  Dhugaa kana mirkaneeffachuuf addunyaa labnee, seenaa ummata bilisoomee qirqiduu hin qabnu; seenaan of tuultota  Itoophiyaatuu ragaa dhaabbataa dha. Mootummaa Dargii, akkuma abbootaa fi akaakayyoota isaa, qabsoo bilisummaa heddumina meeshaa waraanaa tiin cabsuu dhaaf kolkoleen inni walitti hin guurin hin turre. Kaleessa mootummaan gabroomfataan Wayyaanee, hamilee loltoota bilisummaa heddumina meeshaa tiin cabsuuf konkaan inni walitti hin guurre hin ture. Ardha ammoo gareen maqaa Biltsiginnaatiin uf-waamu dabalataan xayyaara nama-maleessa (drone) hidhatee biyya san barbadheessaa jiraachuun hiccitii diidatti muldhatu.  Turii-dafii garuu, inilleen akkuma abboota isaa osoo konkaa fi kolkolee waraanaa  walitti guuru wajjiin caccabee hurraa’uun isaa waan ooluu miti. Tuulaa meessaatii fi guddinna loojistikaatiin lubbuu walabummaa dheebottee gabrummaa finciltee wareegamaaf uf-qophessite tasumaa mooyachuun hin dandayamu; seenaan Oromootii fi addunyallee dhugama kana dhawwaaqa. 

 Nammonni biroo ammoo, jaarmaya jechuun tuuta nama hedduminaan walitti guuru dha jedhu. Nu garuu akka jennuu fi amanutti,  raayyaa fi bobbaa namaa hedduminaan walitti guuruu duwwaan jaarmaya ijaaruu miti. Yoo sodaachisuu ta’e malee! Humna namaa walitti qindeessuun, hojjaa jaarmaayaa keessa tokko malee kophaa isaatti galma akeekkatame fiixa-baasuu hin danda’u. Fakkeennaaf,  mootummaan Dargii-dhaa qabsoo bilisummaa heddumina namaa tiin cabsuuf jecha raayyaa milishaa addunyaa fi Afrikaa keessatti hiriyyaa hin qabne humnaan walitti guuraa ture.  Garuu, bobbaa fi raayyaan inni humnaan walitti guure yoo rasaasni tokko dhuka’u,  akka raayyaa jaldeessaa-tti gargar faca’e. Mootummaan Wayyaanellee akkuma mootummaa Darguu  “heddumina miseensaa tiin Oromoo injifatna” jedhee waraana maqaa Agaaziitiin moggaafame hanga funyaanitti hidhachiisee Oromiyaa irratti bobbaasee hadhaa mooyatamuu dhandhamuun yaadannoo henna dhiyooti. Mootummaa Waayyaanee mootummoota duraanii irraa wanni adda taasisu yoo jiraate waraannii meeshaa baraa hanga funyaanitti hidhatee fi jaarmaya cimeessaan hogganame Qeerroo fi qarree harka duwwaa falmateen akka hurrii ganamaa-tti bammee, biyya gadi-dhiisee duubbee isaatti baqachuu isaati. 

Namoonni san irraa hafan ammoo, “jaarmaya jechuun kaayyoo cululuqaa fi midhagaa qabaachuun qofaan gahaadha” jedhu.  Nuy garuu, kaayyoo xaliila qabaachuun maalummaa jaarmayaa keessaa tokkko ta’ullee, kaayyoon cululuqaan ykn dharraasisaan kophaa isaatti injifannoo diina irraatti argamsiisuu hin danda’u jenna. Osoo kaayyoon cululuqaa fi dharraasisaan kophaa kan bilisa nama baasu ta’e silaa ummata Oromoo-ttu ummata hunduma dura bilisooma ture. Hoggana murataa fi cichaa tarsimoo siyaasaa waraanaa irratti ijaarame biyya haadhaa fi abbaa isaa keessaa qabsaawuun alatti kaayoon cululuqaa fi sangantaan balaqqisaan kophaa isaatti injifannoo hawwamu hin fidu. Meeshaa walitti agaabaluun, raayyaa namaa walitti guuruun, kaayyoo cululuqaan of kuuluun, “jaarmaya miti” yoo jennu, “jaarmaya jechuun maal jechuu dha ree?” gaafii jedhutti nu ceesisa. 

Akka armaa oliitti tuttuquu yaalle, jaarmaya tokko dhaabuudhaaf, meesha walitti qindeessuun, humna namaa walitti-itichuun barbaachisaa ta’ullee,  kophaa isaa akeeka aggaamatame              

milkeessuu hin danda’u. Kaayyoo fi humna namaa malee meeshaaa callaa walitti guuruun konkaa fi boobanqaa walitti guuruu dha. Humna namaa tii fi meeshaan kaayyoon alatti ballaa fi ballaadee walitti guuruu dha. Humna namaa tii fi meeshaa alatti, kaayyoon cululuqaan callaan konkaa raasaa keessaa jalaqqisu. Kanaafuu, jaarmaya jechuun, meeshaa fi humna namaa, sagantaa, kaayyoo heeraa fi seeraa, karoora, imaammata, tarsimoo fi tooftaa, naamusa tokko jalatti walitti qindeessanii sirnaan sochoosuu dha (hogganuu dha).

  1. Maaliif of-ijaarra ? 

Seenaa ilma namaa keessatti yeroo gara garaa tii fi bakka adda addaatti, namoonni gara garaa akeeka gara garaa tiif of ijaaru. Akeekaa fi kaayyoon jaarmaya, maalummaa fi bifa jaarmaya  akeeka. Fakkeenyaaf,  jaarmaya walgargaarsaa, afooshaa, diinagdee fi daldalaa, siyaasaa, waraanaa, barmootaa k.k.f maqaa dhawuun gahaa dha.  Ilmi namaa maaliif of ijaara gaaffii jedhuu irraa, nuy Oromoon maaliif of ijaarra gara gaaffii jednutti yoo ceenu, deebiin keenya gabaabaa dha.

Nu Oromoon bilisummaa Oromoo tiif lollu, kiyyoo-gabrummaa (colonialism) cabsinee ummata bilisaan (popular sovereignty) biyya walabaa keessatti (territorial sovereignty)  mootummaa birmaduu (state sovereignty) biyya dimokraatoftu ummataa (Democratic Republic of Oromia) ijaaruu dhaafi. Oromoon kaayyoo armaa olitiif lollu, akeeka biraa tiif of ijaaruu hin qabnu. Aangoo mataa keennaatii fi aangoo murna tokkoo tiif jecha, kaayyoo kana sharafuu fi wareeguu hin qabnu. Walumaa-galatti, gargar baanee dhaabbachuu fi fallaa kaayyoo bilisummaa ummata keenya irratti ijaaramuun yoo salphinaa fi kufaatii fide malee karaa nu baasuu miti.

Karaan nu baasu kaayyoo bilisummaa sabatii fi Walabummaa Oromiyaa jalatti karaa ABO-WOn taraare irratti bifa haaraawaan deebifnee of dhaabuu dha (political reeducation & reorganization) jenna.

  1. Akkamitti of-ijaarra?

 Gaaffiin “akkamitti of ijaarra” jedhu, gaafii “maaliif of ijaarra? jedhuun walitti hidhataa dha. Gaaffii  “maaliif of ijaarra?” jedhu irra-deebinee erga deebifnee booda gara “akkamitti of ijaarra” jedhutti ceena. Gaaffiin jaarmaya bilisummaa Oromoo gaaffii jaarmaya haarawa ijaaruu qofaa osoo hin ta’’n, gaaffii jaarmaya dulloomaa kufaa tiif reeqqisu deebisanii bifa haarawaan utubuuti.  Jaarmaya siyaasaa ijaaruun, mana haarawa ijaaruun wal fakkaata. Mana haarawa ijaaruuf ammoo dhaabaa, dagalee haarawa barbaachisa. Oromoof garuu karaan salphaan tokko jaarmaya haarawa ijaaruu callaa osoo hin ta’in,  jaarmayoota diigamaa jiran deebisanii bifa haarawaan ijaaruu dha. Namni mana moofaa diigamaa jiru deebisee ijaaru, “maal godhuu qaba”? Namni mana moofaa deebisee bifa haarawaan ijaaru:

  1. Mana diigame keessaa cinaacha jabaa (assimilation of positive elements) hurgufee keessaa fudhatee, mana haarawa keessatti deebisee dhaaba. Nus yoo jaarmayoota Oromoo dulloota keessaa cinaacha jabaa fudhanna jennu, kaayyoo, humna namaa kan muuxeeffatee fi ogoome fudhanne jal-dhaaba jaarmaya haarawaa goona jechuu dha.
  1. Akkuma namni mana dulloomaa deebisee ijaaru mana dulloomaa keessaa qaama tortoraa (negative elements) hurgufee darbu, namni jaamaya moofaa bifa haarawaan deebisee utubulleen, cinaacha dulloomaa qabsoo duubatti harkisu fi laafisu angulaalee darba.
  1. Akkuma namni mana dulloomaa deebisee dhaabu dhaabaa fi dagalee haarawa itti maku (incorporation of new elements), namni jaarmaya haaraa deebisee ijaarus qaama haarawa, yaada haarawa warraaqaa itti horuu qaba. Namni jaarmaya moofaa deebisee ijaaru, nama mana dulloomaa deebisee ijaaruun wal fakkata yoo jennu.
    1. mana dulloomaa akkuma jiruun deebisee utubuu hin danda’u
    2. mana haarawa meeshaa dhaale qofaan ijaaru hin danda’u
    3. qaama tortoraa darbee, qaama qarruu dhaalee, cinaacha haaraa itti dabalee mana haarawa ijaara

 Gara  biraa tiin, namni jaarmaya ijaaru nama sanyii midhaanii facaasee magarsuun wal fakkaata: faakkeenyaaf namni buna dhaabu maal godha?

  1. Akkuma namni buna magarsu tokko handaaraa qotee, gilgaalee, rooba eeggatee, ykn maagada bishaanii itti jallisee sanyii bunaa facaasuu, namni jaarmaya siyaasaa ijaarus, jalqaba miseensa jaarmayaa horata.
  2. Itti aansee akkumma qotataan sanyii bunaa magarsu sanyii bunaa boolla qotee dhaabu, namni jaarmaya ijaarsus maadhee siyaasaa guduunfa ykn bu’ursa (forming cells)
  3. Akkuma namni buna dhaabu tokko baal-bakkoo (sanyii) jala akaafee, bishaan obaasee magarsu, namni maadhee siyaasaa caasus, akka maadheen sun  hin luqqaane guddumfaa isii diina jalaa dhoksee jiraachisa (preserving cells)
  4. Akkuma bunni marge tokko dagaagee damee fi birkii horatu, maadheen siyaasa illee damee fi birkii horata  (expanding cells).
  5. Akkuma bunni margee daraare tokko firii horatu, maadheen siyaasa illee tarkaanfiin bu’aa agarsiisa. Jalqaba of jiraaraachisa, itti aansee diina dhabamsiisa.Of-jiraachisuu fi nyaapha dabamsiisuun wal-faana deema.Humni of-jiraachisuu hin dadeenne, diina dhabamsiisuu hin danda’u. 

Kana godhuuf ammoo, akkuma biqiltuun bunaa hidda isaa biyyee keessa naqatee of gabbisu, maadheen siyaasaa ummata keessatti of ijaaree, deggarsa horata. Akkuma biqiltuun bunaa hidda isaa biyyee keessaa alatti baasee qillensa irratti jiraatuu hin dandeenne, maadheen siyaasa-ille ummata keessaa bahee jiraatuu hin danda’u.  Kanaafuu, akkuma hiddi mukaa biyyee lixee, biyyee keessatti margu, maadheen siyaasaa-illee ummata keessa lixee of ijaara. Akkuma qotataan tokko sanyii midhaanii facaasee magarsu, maadheen siyaasa-illee qaama hawaasaa hundumaa keessa lixee dhoksaanis ta’e ifaadhaan shanee jaarmayaa babal’ifata. Fakkeenyaaf, barataan mana barmootaa keessatti, dafqataan warshaa keessatti, looltuun baadiyaa bosonaa-tti, saboonaan magaalaa fi baadiyya-tti of ijaaruu qaba.

Maadheen siyaasaa biqiltuu mukaa tiin walfakkaata yoo jennu, akkuma biqiltuu mukaa, maadheen jaarmaya siyaasaa damee fi birkii qaba.

Jalqabni maadhee jaarmaya siyaasaa, miseensa dirqama siyaasaa fudhatee hawaasa keessa lixeen guduumfama.  Maadheen bu’ursituun, haadhoo madhee jaarmayaa irraa dagaagee ilmoolee fi shanee garagaraa horata. Akka baalaa bunaa atala; akka hidda dambii dagaaga; akka muka odaa garbaaba.

Maadheen haadhoon, namoota murtaayeen guduumfama. Miseensi bu’ursituun dirqama jaarmayaa fudhatee, hawaasa lixee miseensa akka ofii ofitti dabalee jaarmayaa ta’a.  Miseensonni maadhee mataa mataa isaanii-titti qophii barbaachisuu godhanii birkii damee jaarmayaa ta’u. Hiddi maadhee haadhoo ,damee, birkii fi  miseensa walitti hidhu cituu hin qabu. Kana jechuun garuu, maadhee wal irraa jalatti damee fi birkiin ijaaramu keessatti, miseensa gaadituu kan beeku nama tokko qofaa dha (jaarmayaa harka lafa jalaa tiin of-gurmeessu keessatti).

Nagummaa maadheelee fi miseensoota maadheelee tiif jecha, madhee fi miseensi dagalee wal hin beeku.  Akkuma ijaarsa mana tokkoo, caasaan maadhee jaarmayaa oloo dha (vertical) miseensa tokko qofaa yoo beeku, dagaleen  (horizontal) yoo qabsoon wal hubate malee caasaa maadheetiin wal hin argu.  Caasaa maadhee bifa kanaan ijaaramtee 2+1 (mitosis) jedhama.     

Ijaarsa maadhee siyaasaa waraanummaa yaada hundee erga darbanneen booda gara gaaffii jaarmaya tarsimootti (Question of strategic organization) deebina.

Gaafiin jaarmaya warraaqsa bilisummaa sabaa, gaafii tarsimoo (ogaa-mala) warraaqsa bilisummaa sabaa tiin walitti hidhataa dha. Caasaan jaarmaya walabummaa, waalta utubaa dhawaa-mala (tarsimoo) warraaqsa bilisummaa saba irratti guduumfama (maxxaarri’ama). Tarsimoon y.k.n ogaa-malli warraaqsa walabummaa sabaa, sirnaa fi mootummaa gabroofataa humnaan garagalchuu yoo ta’u, bifti jaarmenni tarsimoo ittin caafamu-illee sifa jaarmaya siyaasaa waraanummaa -tti (politico-military organization). Jaarmaya akkasii keessatti, waraanni siyaasaa keessatti, siyaasaan waraana keessatti dhumfatama. Kana jechuun, siyaasaa fi waraanni qaama lama tahuun hafee qaama tokko ta’a. Gara biraa tiin waraanumatu siyaasaa, siyaasamatu waraana;  dabballema siyaasattu looltuu, loltumatu dabballee siyaasaa taha jechuu dha. Kana jechuun miseensuma tokkoo amala danuu fi dachaa-darabeen (all-rounded personality) cuuphuu jechuudha. 

Ilaalcha kana irraa ka’anii loltoonni bilisummaa Falasxiim jijjiirraa hundee (bu’uraa) gaaffii tarsimoo warraaqsa walabummaa sabaa isaanii keessatti fiduuf tarsimoo jaarmaya akka asii gadiiti ijaaratan.

Jaarmayaan isaan ijaaratan, jaarmaya dhawaa-mala (tarsimoo) riphee-lolaa bakkaan gahuu dha.  Kaayyoon jaarmaya isaanii, amala walga’ii fi haasawa qullaa callaan (qofaan) taa’anii bara lakkaawuu irraa walaba. Akkaataan jaarmenni isaanii itti hojjatu, sochii qabatamaa fi qubsoo mul’ataa dha.

Qabsaawonni maadhee bu’uraa (the initial group of combatants), caasaa tarkaafii walabaa fudhachiisuu danda’u ijaaratan. Caasaa xaxamaa birokiraasii qancarsitummaa tiin gaadi’ame cicciranii keessaa bahan.

Caasaan jalqaba jaarmayaa  (the initial structure of  organization), caasaa qabsaa’ota hagoo of keessatti ammatuun ijaarama. Caasaan kunis sochii hiccitaawaa fi dhokataa godhuuf karaa bana. Dhoksaanis dirree leenjisaa argamiisuu kan dandeessisu ta’a. Of jiraachisee diina dhabamsiisuuf yeroo maraa sosso’u qaba. Humniti sadarkaa kana irratti argamu, tasumaa jogola dhaabbataa fi mooraa qubsumaa ijaaruu hin qabu.

Seerri inni ittiin bulus, “seeroota dahaaboo sadeen riphee-lolaa” (The three golden rules of guerrilla) jedhamuun ta’a. 

sochii wal irraa hin citne – [ constant mobility ]

of-eggannoo wal irraa hin citne -[constant vigilance ]

shakkii wal irraa hin cittne – [ constant mistrust ]

Jaarmaya walabummaa sabaa keessatti jijjiirraa hundee argamsiisuuf, qabxiiwwan armaa gaditti, tarreessaman irratti fuuleffachuun murteessa dha.

  1. Humniti kun humna caasaa jaarmayoota Oromoo dullacha keessatti ukkaamamee ture, kan amma garuu  bayyanatee, jijjiirraa hundee godhee,  warraaqxummaan fincilee as bahe irraa ijaarama.
  1.  Humna jalqaba irraaa kaasee ilaalcha, tarsimoo tooftaa riphisee loolaa fi siyaasaa –waraanummaa tiin cuuphame irraa qindaawa.Jaarmaya walabummaa keessatti jijjirraa hundee kan fiduu dandeennu, humnoota qulqullummaa qaban barsiisuu fi leenjisuu dhaani. Ilaalchi keenna kan kaayyoo billiqaa (calaqqisaa) duwwaa waaqeffatu otuu hin ta’in, kan kaayyoo siyaasaa tarkaanfachiisuu hujii irra oolchuu dha.  Qabsoo keenna keessatti sochii bu’uraa fiduu dhaan, sochiin kun ammoo jijjiirraa hundee jaarmaya keessatti akka fidu taasisuu dha.

Akkuma warraaqsi walabummaa finiinaa deemuun, jijjiirraan hundee jaarmaya keessatti mul’alaa deema. Jijjiirraan hogganaa kan caasaa jarmaya dullachaa keessatti godhamu, jijjiirra bu’uraa fiduu akka danda’u amanuu dhaan, humna jijjiirraa hundee fiduu danda’u argamsiisuu dhaaf fardeeffachuu (marxifachuu)  murteessaa taha. Soodduu tokko buqqisanii soodduu biraa bakka buusuun homaa fiduu akka hin dandeenne umri dheeraa fi seenaan nu barsiiseera. Jijjiirraan hundee kan dhufuu danda’u, diina alaa tii fi keessaa irratti tarkaanfii mul’ataa fudhachuu dhaan.  Jijjiirraan hundee kan dhufu, humna namaa qulqulluu filatnee, leenjifnnee bobbaafne yoo tarkaanfii diina irratti fudhanne callaa dha.

Jijjirraa hundee warraaqsa billisummaa sabaa keessatti kan fiduu dandeennu humna tarsimooti fi humna toofta yoo ol baasuu dandenne callaa dha.Humna tarsimoo fi humna tooftaa jechuu illeen maal akka taye tokko tokkoon babbay’sina. 

  1. Humna soosso’a tarsimoo (strategic mobile force)  

Humnitti kun humna riphisee-lolaa baadiyaa Oromiyaa (yookin jogola ollaa firaa irraa) gara walakkaa biyyaatti (magalaatti) sosso’u ta’a. Akkuma ardha ABO-WBOn hujii qabatamaa fi tarkaanfii muldhataan agarsiisaa jiru jechuudha.  

  1. Humna tooftaa (armed tactical groups)  Humniti kun humna magaalaa fi naannawa magaalaa Oromiyaa-tti ijaaramu dha. Humniti tooftaa, tarsimoo waaltaa ykn humna tarsimoo milkeessuuf ijaarama. Humniti kun lafa jala ijaaramee, qophaawee yeroo aanjawaa haleellaa tarsimoo eeggata. Osoo yeroo aanjawaa sochii haleellaa humna tarsimoo hin eeggatin, humna tooftaa kophaa isaa sochoosuun kitimaa hin barbaachifne baasuu dha. Humniti kun humna:- diina sonuu, odeessa guruu, shira hojjatuu, caasaa diinaa cicciruu, kkf irratti bobba’a. Humna kana ijaarunis akkuma jaarmaya humna tarsimoo jijjiirra hundee feesisa.

Akka ammaan duraa, humna tooftaa malee humna tarsimoo sossoosuun, tarkaanfii harguugamtuu fudhachuun, nu hin milkeessu. Humn’atti tooftaa humna muuxeffataa, tooftaa fi meeshaa baranee hidhatee, kan riphee humna tarsimoo milkeessu ta’uu qaba. Miseensi humna tooftaa keessatti ramadamu miseensa dandeettii addaa qabu  ta’uu qaba. Murannoo hin daddaaqne, hamilee hin raafamnee fi beekkomsa addaa illee qabaatuu qaba. 

  1. Adda Sadeen Futtaasuu (tripartite fronts)

 Sochii naannolee garagaraa ilaalchisee addoota sadeen futaasuuf haalli aanjawaa dha. Addoota sadeen futtaasuun sochii jaarmayaa keessatti jijjiirraa hundee ni fida jedhamee abdatama. Addoonni sadeen diina dura dhaabbatuu danda’an: Adda riphee-lolaa, adda ummata bal’aa fi adda caasaa gargaartuu ti.

Addoo tiin sadeen kun naannolee adda addaa-tti ijaaramanii fincilaa fi diddaa ummata qindeessu.  Humnootni kun haala hammaataa diinni geessu irraa kan ka’e, walqixa hinguddatan,walfaanas hin jiraatan. Kuun kan dursee dhabamuun ni mala. Akeekni hangafni garuu,sochiin kallachoota sadeenii naannolee biyyicha keessatti dhalatee akka guddatu godhuu dha. Qindoominni addoota sadeenni kun akka riphee lolaa magaalaa dhalchu hojjatuu barbaachisa.

4.  Barbaachisummaa Adda Ripee Lolaa Cimsuu (The Guerrilla Front)

Kallachi riphee-lolaa tokko amala fi tarkaanfii asii gadiitiin beekama: dura diina irraa meeshaa hiikkata,diina haleela, tarkaanfii mul’ata farra sirna gabroomfataa hundumaa fudhata, olola farra diinaa oofa, xalayaa ummata kakaa’su facaasa. Addi riphee-lolaa, meeshaa lolaa(infrastructure) yoo ofii tolchuu danda’e abdachiisaa ta’a. Riphee-lolaan tokko meeshaa lolaa mataa isaatti tolchuu danda’e jechuun, jijjiirraan hundee sochii fi jaarmaya warraaqsaa keessatti dhalate jechuu dha.

  1. Barbaachisummaa Kallacha Ummataa Ijaaruu (The Mass Front) 

Seenaa qabsoo walabummaa keessatti kallachi ummataa,  jaarmaya barattootaa tii fi dargaggootaa tiin hogganama.Sochiin kallacha ummataa, mormii bifa adda addaa qindeessuu, hujii mootummaa dhaabuu, sirna mootummaa gabroomfataa balaaleffachuu, sakkattaa diinaa fashalsuu, meeshaa diinaa qabanii jaarmayaa dabarsuu, basaasa diinaa booji’anii hidhamaa siyaasaa tiin jijjiiruu,wkf.of keessatti ammata. Sochiin Kallacha ummata kun sochii qonnaan-bulaa, dafqaan-bulaa fi gita cunqurfamaa cufaan deggeramuu qaba. Sochiin Kallacha ummataa haala warraaqaa ta’een magaalatti, baadiyyaatti, mana barmootaa-tti yoo ijaarame bu’aa fiduu danda’a. Fakkeennaaf, biyya Falasxiimitti sochiin kallacha ummataa hidhataa fi rasaasa gahaa qaba. Meeshaan kallachi ummataa hidhatu kan kallacha riphee-lolaa tiin walgita. Sochii Qotee-bulaa Falasxiim keessatti jijjiirraa hundee kan fide iddoo meeshaa lolaa tolfachuu isaati. Kana irratti, kallacha ummataa tii fi dalagaa ummataa garaagarummaa isaa beekuu qabna. Kallacha ummataa jechuun, xiribbaa qabsoo fi tarkaanfiin ummataa ijaaramee gara gulantaa waraana ummataa-tti kan guddatu jechuu yoo ta’u, dalagaa ummataa (mass work) jechuun ammoo ummata keessa lixanii (infiltrate ) godhanii, duudhaa fi aadaa ummataa-tti gargaaramanii dammaqqiinsa gulantaa ol’aanaa fiduu jechuu dha.Warraaqaan tokko sochii kallachaa fi dalagaa ummataa waliin dhawuu hin qabu.

  1. Barbaachisummaa Caasaa Gargaartuu (The Support Network)

Biyya Falasxiin keessatti caasaan gargaartuun diinagdee dhaabbataa fi loojistika walabaa of keessatti ammata. Loojistikni ammoo geejjiba, dhiyeessi, kabeebsaa meeshaa of keessatti qabata.Gamtaanis ta’ee dhuunfaan additi gargaartuun magaalaa fi baadiyyaa keessatti diriirfama. Additi gargaartuun mana, teessoo dhokataa, madda horii, dhiyeessi, odeessa, wkf. qopheessa. Caasaan gargaartuu jaarmaya biyya ambaa dabalata. Caasaan gargaatuu magaalaa fi biyya alaa hogganummaa jaarmaya dirree jiru jalatti socho’uu qaba. Ummaa jaarmaya walabummaa fi bilisummaa faallessanii magaalaa fi biyya ambaatii waraana hogganuun yaaluun fogguudha. Bara as aanaa kana hogganni siyaasaa ABO magaalaa fi biyya ambaa fi ollatti godhaanee qabsoo hidhannoo qancarse; fadhiidesse. Seenaan riphee-lolaa addunyaa seenaa caasaan gargaartuu qabsoo hogganee milkeesse hin galmeessine. 

 Amalaa fi Sifa Jaarmayaan Warraaqaan Ittiin Ijaaramuu fi Hojjatu

Muuxeffannoo fi shaakala qabsoo bilisummaa fi walabummaa irraa argame irraa ka’uudhaan, guddinaa fi jijjiirraan hundee jaarmaya akaakuu haarawaa keessatti akkaataa asii gaditti tarreeffameen dhufa jedhamee abdatama:

  1. Ajaja tarsimoo (strategic command) kan sochii adda riphee-lolaa magaalaati fi                      baadiyyaa qindeessu 
  2. Humna socho’aa tarsimooti fi tooftaa itichuu. Humniti kun ajaja tarsimootiin hogganama.Iddoo sochii murtaawaa hin godhatu.Murtii fi qajeelfama ajajni tarsimoo kennuun socho’a.
  3.  Qindeessitoota magaalota fi kutaalee gurguddo-tti ramadamu.Qaamni qindeessitoota naannoo, meeshaa qabsoo hidhannoo tiif oolu kuusa; riphee-lolaa magaala ijaara; meeshaa fi rasaasa riphee-lola magaalaa qopheessa; sochiilee kallachoota sadeenii: [kallacha riphee-lolaa, kallacha ummataa tii fi caasaa gargaartuu] qindeessa (gurmeessa). Ajajni naannoo yoo barbaachisa ta’e, meeshaa lolaa qopheeffatee qabsoo hidhannoo kakaasa. Hogganni naannoo qunnamtii dhaabbataa humna tarsimoo wajjiiin hin qabaatu. Humniti tarsimoo qunnamtii dhabbata ajaja tarsimoo callaan qabaata. Kunis jaarmayicha gaaga’amiinsa bakka tokko luqqa’uu jalaa dandamachiisa. Hogganni tarsimoo caasaa qunnamtii tiin hoggana naannoo-tti hidhama.
  4. Jaarmayoonni xixiqqoon walabaan, tarkaanfii walabaa fudhatan, kaayoo tarsimoo fi tooftaa jaarmayichaa yoo kan fudhatanii fi kan guutan ta’e, akkuma ijaaramanitti jaarmaya walabummaa keessa seenuu danda’u.
  5. Dugugguruun jaarmaya walabummaa (backbone), warraaqxota tarkaanfii walabaa diina alaatii fi kan keessaa irratti fudhataniin uumama.Humniti warraaqaan dugugguruu jaarmayaa,  nama yookaan murna maqaa hogganaa tiin tarkaanfii walabaa irratti gufuu ta’u of jala buqqisaa fi qulqulleessaa deema.
  6. Jaarmaya haarawa keesstti, caasaan ajaja xaxamaa (complex chain of command) hin diriirfamu. Kunis hojjaa jaarmayaa haffalleessuu,  tarkaanfii daddafsiisuu, arreeddii sochii jajjabeesuu fi haleellaa walabaa fudhachiisuu dandeesisiisa.Akka jaarmayoota dullachoo, hayyu-dureen callaan waan hundumaa hin mrteessu. Jaarmaya haarawa keessatti, hoggana qabsooti malee, abbaa-taayitaa yookaan gooftaa taa’ee kan ajaju hin jiru. Miseensaa fi hogganni kan ittiin madaalamu, tarkaanfii walabaa  fudhatee ,kaayyoo kaayame bakkaan isaa duwwaa dhaani.
  7. Jaarmaya uumaa haarawaa yookaan jaarmaya warraaqxotaa keessatti, hogganni hoggana haffalli (simple leadership) tahuu qaba. Lakkoofsi isaa illee xiqqaa tahee, jaallan ummataa tii fii miseensota  ofii fi wal irratti abdii guutuu qaban irraa ijaarama. Hogganni warraaqaan, dandeettii tarkaanfii walabaa fudhachuu, kaayyoof cichuu, muratnoo fi gootummaan beekama.

Jaarmayaa fi Hoggana Warraaqaa Uumuu fi itichuuf Ilaalcha Haarawa (new vision) futtaasuu nu feesisa.  

Mooyxannoo qabsoo riphee lolaa addunyaa irraa argame akka asii gadiitti cuumfinee dhiyeessina.Sochii Bilisummaa Oromoo gara sochii Warraaqsa Bilisummaa Saba Bal’aatti (National Liberation Revolutionary Movement) jijjiiruuf jaarmayaa fi hoggana warraaqaa akka nu feesisu mooyxannoon dabarsine ni raggaasisa. Sochiin ABO-WBOllee fakkeenna qabatamaan nuu mirkaneessaa jira. Idil-addunyyaa irratti dhageettii argachuu fi rakkoo biyya keessatti nu mudate hundeen furuuf, ilaalcha warraaqxummaa tiin geggeeffamnee, jaarmayaa fi hoggana warraaqaan masakamnee, akka humna siyaasaatii fi humna waraana-tti olfutta’uu qabna! Tarkaanfiin warraaqsaatii fi siyaasaa ukkaamsaa hoggana farra-guddinaa jalaa walaboomuu qaba. Hogganni dhaaba bilisummaa, harkifataa, harguugamaa, dingataawaa tahuu hin qabu. Jaarmayaa fi hogganni warraaqaan murtii fi tarkaanfii warraaqsaa irraa argama. Hogganni warraaqaan guddina humna tarsimoo tii fi tooftaa irraa argama. Guddinni humna tarsimootii fi humn tooftaa ammoo humna ibiddaa tiin (fire power) hafaafana!

  1. Kaayyoo Masaka Jaarmaya Haarawaa (Organizational Principle)
  1. Kaayyoon masaktuun jaarmaya warraaqaa, qabsoo riphee-lolaa shidanii jaarmayicha gara meeshaa imaammata siyaasaa-tti geeddaruu dha.
  2. Dhaabni tokko jaarmaya warraaqaa tahee mul’atuuf tarkaanfii warraaqa fudhata. Ilaalcha tarsimoo, naaduraa siyaasaa, kaayyoo masakaa jaarmayaa fi naamusa warraaqxummaa tiin geggeeffama.
  3. Jaarmayaan warraaqaan, “ani warraaqaa dha” jedhee of moggaasuun warraaqaa tahuu hin danda’u. Hoggana warraaqaa tahuuf tarkaanfii fudhachuu fi mooyxannoo warraaqxummaa kuufachuu barbaachisa (Action alone makes the vanguard)
  4. Hangafni hojjaa qabsaa’otaa jaarmaya caasaa xaxaa ijaaruu utuu hin ta’in, tarkaanfii birmaduu fi warraaqsaa fudhachuu dha (Initiate action).
  5. Jaarmaya keessatti jijjiirraa hundee kan fidu ,walgahii wal irraa hin citne godhuu fi haada birokiraasummaa harkisuu utuu hin ta’in, tarkaanfii karoorsuu fi karoora bahee hojitti hiikuu dha.
  6. “Motorri” jaarmaya sochoosu tarkaanfii bilisa warraaqxotaan fudhatamuu dha. Hogganni kam iyyuu tarkaanfii walaba tarkaanfattootaan fudhatamu irratti gufuu ta’uu hin qabu.
  7. Imaammani siyaasaa fi waraana tokko. Jaarmayaan warraaqaan, siyaasaa hangafsee waraana hin maan’essu. Imaammani jaarmaya warraaqaa, imaammata adda warraaqaa fuula siyaasaa fi waraanaa wal madaalchisu tahuu qaba. Riphee-lolaan kooluu jaarmaya siyaasaa tii miti.Riphee-lolaan hoggana warraaqaa siyaasaati.
  8. Futta’iinsa hoggana siyaasaa kan daddafsiisu tarkaanfii warraaqaa, milkii fi itti fufa isaa, qooda hogganni tarkaanfii kana keesstti, afaan callaan utuu hin tayin dalagaan, gumaachu ta’a.
  9. Hogganummaan siyaasaa wareegama malee hin argamu. Hogganni tokko taay’taa fi aangoo caasaa jaarmayaa keessatti qabuun hin madaalamu.Waajirri qabsoon malee gatii hin qabu.Kan gatii qabu dalaguu fi dirqama raawwachuu dha.
  10. Hojiin warraaqaa, warraaqsa uumuu dha.
  11. Warraaqsa qabsiisuuf warraaqaan tokko hayyama yookaan habartii (license) hin gaafatu.
  12. Itti-gaafatamummaan sabboonotaa qabsoo callaaf taya.
  13. Daangaan jaarmaya warraaqaa deebisu sochii sabboonotaa ti. Gololeen murnoota magaalaa fi biyya baqaa keessatti maandheffatanii ABO-WBO irratti dhagaa darbuudha. Namootaa fi murnootaa dantaa dhumfaatii fi aangoo murnaatiif hojjatan saaxilamuu qaba. Hujii diigaan warraqxotaa fi sabboontota Oromoo jiddutti gidaaraa addaan tiiksee wal irratti duulchisu qabsoon walootiin raawwatuu qaba. 

14. Hangafni dirqama jaarmaya warraaqaa diina keessaan hulluuqee nutti seenu eeggachuu dha; basaasa ynaapha alaatii fi keessaa dammaqiinsaan of irraa tiiksuu dha.

15. Sabboonotni martinuu  tiiksee fi waardiyaa warraaqsa bilisummaa fi walabummaa sabaa tawuu qaban.

Ammas Irra Deebinee, “Jaarmayaaf Qabsoo, Qabsoodhaaf Jaarmaya” Jenna.

Oromiyaa Walabaa Qabsoo fi Jaarmayaan Deebifnee Ijaarra!

Masaraa Cubbamaa Menelikii fi Sirna Kiyyoo-Gabrummaa Qabsoo fi Jaarmayaan Diigna!

Awwaala Masaraa Cubbamaa Irratti Galma Republika Gadaa Oromiyaa Ijaarra! 

Injifannoon Ummata Oromoof!

 With the 🖊 Jaal Karoorsaa Bosonaa and Jaal Jamaal Miidhagaa

Exit mobile version