Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhalattootni Oromoo biyya Ugaandaa jiraatanii fi waraanni bilisummaa Oromoo dirreerra jiran haala hoo’aa ta’een ayyaanaa Irreechaa kabajuun beekame 

ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2023

Irreechi Amantii fi aadaa uummata Oromoo isa jalqabaa yoo ta’u, waggaa keessatti yeroo lama Irreechaa Malkaa fi Irreecha Tulluu jedhamuun uummata Oromoon Irreeffatama.

Ayyaanni Irreechaa uummata Oromoo biratti bakka guddaa kan qabuu fi iddoo itti uummanni Oromoo walga’ee waaqa uumaa waaqa uumamaa waaqa bacaqii gannaa keessaa nu baastee booqaa birraatti nu baastee jechuun bakka itti uumaa isaanii uumamaan itti galateeffatan.

Haaluma kanaan baqattoonni Oromoo biyya Ugaandaa jiraatan gaafa Irreecha Hora Arsadii ilaachisuun haala hoo’aa ta’een uumaa isaanii galateeffataniiru.

Akkasumas hasaawaa adda addaa taasisuun uummanni Oromoo tokkummaa qabaachuu qaba, tokkummaa yoo qabaate biyya isaa irratti kabajamaa ta’a, akkasumas tokkummaan yoo ka’e abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffachuu danda’as jedhaniiru.

Itti dabaluunis waraana Bilisummaa Oromoonis godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo Malkaa Hora Jituutti bakka haati Siiqee, abbaan malkaa, abbaan Gadaa, abbootiin eebbaa akkasumas  hawaasni Oromoo argamanitti haala hoo’aa ta’een irreeffatamee ooleera.

Gama isaatiin waraanni bilisummaa Oromoos hawaasa Oromoo bakkichaa Irreechi Hora Jiituu kun Irreefatamee akka milkiin xumuramuuf ga’ee guddaa ba’atan galateeffateera.

Exit mobile version