Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni murna bilxiginnaa Irreecha Hora Finfinnee irratti reebichaa fi hidhaa geggeessaa jira

Waraanni murna bilxiginnaa Irreecha Hora Finfinnee irratti reebichaa fi hidhaa geggeessaa jira.

ONM-ABO Onkoloolessa 1, 2022 Gareen maafi’aa PP leellistoota sirna Minilikiin ijaarame ilmaan Oromoo kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneef har’a Onkoloolessa 1, 2022 Finfinneetti wal ga’an irratti miidhaa qaamaa fi hidhaa irraan ga’aa jiru.

Murni bilxiginnaa hanga mana amantiitti waan sirnicha leellisu qofa akka dubbatanii fi faarsan barbaadu ayyaana kana irratti hirmaattoota gammachuu bacaqii gannaa darbanii booqaa birraa ga’aniif dhiichisaan poolisoota federaalaa itti gadhiisuun reebsisee dhiiga irra lolaasaa kan jiru yoo ta’u qeerroowwan Oromoo qabamanii hidhamanis hedduu ta’uu maddeen gabaasaniiru jiru.

Sirni kabaja ayyaana Irreechaa Hora Harsadee kana irratti uummatni wagga waggaan nu ga’ii waaqa isaa galateeffatee jaalalaa fi nageenyumma Orummaa waliin akka qooddatuuf daandii dheeraa kutee fi dalagaa guyyaa isaa dhaabee achitti argamus murni badii dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu fi dararuu bare bilxiginnaan ulee hammeenya isaan miidhaa akka irraan ga’aa jiruu fi kanneen miidhaan irra ga’e akkasumas hidhaman hedduu ta’uu dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version